BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUUN QAANIIDHA ?

SEENAA Y.G(2005) | Bitootessa 1, 2015

Ummati Oromoo biyya keessaa fi alatti sagalee tokkon, diina balaaleffachaa fi falmachaa jiraachuun diina rifaasisun mamii hin qabu. Diinni yeroo dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo diigee, umurii bittaa isaa dheereffachuuf ifaajjiin taasisie fashalee, qabsaa’oonni bakka maraa yoo xiqqaate dhimma ummata isaa fi Oromiyaa irratti wal dhaga’uu eegaluu fi tokkummaa qabatamaatti tarkaanfachaa jiraachuun, ammas diina irratti shororkaa jabaa uumuun shakkii hin qabu. Diinni gaaffii Abbaa Biyyummaa Oromoo gara dabarsuuf, addunyaa irrattillee fudhatama dhabsiisuuf, Qabsoo isaas Biyya keessaa baasanii , Ummata isaaniif jilbeenfatu qofaa ummachuuf shirri hammeenyaan guutame fashalee, Biyyuma keessaa falmaa cimaan isaan mudachuun, wayyaanoota irriiba dhawwuu irra dabree, Anga’oonni waltajjii irratti bookkisaa arraba darbaa dubbachuutti ceesisuun haqadha. Wayyaaneen akka saree maraattee sagal ciniinaa fi doorsiisaa kan jirtuuf, sochiin Biyya keessaa fi alatti jiru itti jabaachuu irraa malee, qabsoo ofii akka nuuti tuffannee qeeqa irratti baayyisaa jirrun akka hin taane ifadha.

BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUUN, QAANIIDHA !!!!.docx

1 thought on “BISHAAN KEESSA DHAABBATANII DHEEBOCHUUN QAANIIDHA ?

Leave a comment