Manni Barumsaa Godina Wallaggaa Horroo Gudruu Magaalaa Harato Gaaffii Barattooti Kaasaniin Hojii Dhaabe.

Gabaasa Qeerroo Magaala Haratoo Guraandhala 24,2015

diddaa9Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii magaala Haratoo irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti mana  barumsaa sadarkaa 2ffaa magaala Haratoo rakkoo bulchitootaa fi sirna barnootaa waliin wal qabatee diddaa kaasuun manni barnootaa dhaabbate.

Dorgommiin barnoota biyyoolessaa guutummaa biyyatittii keessatti ta’een wal qabatee barattooti Oromoo kanneen naannoo kaanii irra haalaan miidhamaa ta’uu fi rakkoon qaalawiinsa jireenyaa waliin wal qabatee diddaan ka’aa jira. Tigraayii fi ilmaan Tigree sadarkaa kana keessa hin jiran wal hin madaallu jechuun barattootni kutaa 9ffaa fi 10ffaa walii galatti barattootni 1,627 akkasuma barattootni kutaa 11 fi 12 baratan walii galatti barattoota 588 akka walii gala barattoota kanaatti, barattoota 2,215 guraandhala 9,2015 irraa kaasanii barumsa dhaabuun hanga har’aatti barumsatti kan hin deebinee fi manneen barnootaa magaala kanaa cufamee akka jiru odeessaan achirraa nugahaa jiru addeessa.

1 thought on “Manni Barumsaa Godina Wallaggaa Horroo Gudruu Magaalaa Harato Gaaffii Barattooti Kaasaniin Hojii Dhaabe.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Manni Barumsaa Godina Wallaggaa Horroo Gudruu Magaalaa Harato Gaaffii Barattooti Kaasaniin Hojii Dhaabe |

Leave a comment