Diddaan Waraana Wayyaanee Keessatti Dhalate Hammaataa Dhufuu Qeerroon Gabaase.

diddaa9Gurandhala 23,015 Gabaasa Qeerroo

Diddaan waraana Wayyaanee keessatti dhalate hammaataa dhufe. Rakkoon wal amantamuummaa fi walii ajajamuu dhabuu waraana Ittisa biyyaa keessaa Kallattiiwwan daangaa biyyattii maraan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira. Miseensotni waraana ittisa biyyaa dhiha biyyattii naannoo Toongoo jedhamee beekamu keessatti argaman wal amantamummaa dhabinsa gidduu isaaniitti dhalateen dhukaasa wal irratti kan banan yoommuu tahu Miseensotni waraana kanaa armaan duraas haala kanaan miliqaa turan waraana wayyaanee irratti dhukaasa bananii jiran. Yeroo ammaas jeequmsa haala kanaan Uumameen miseensotni waraanichaa meeshaa guutuu waliin 30 ol kan miliqan yoommuu tahu, aangawootni mootummaa Wayyaanee garuu rakkoo hamaa dhalachaa jiru kana dhoksuuf tattaaffii jabaa irratti argamti.

Haaluma walfakkaatuun aangawootni mootummaa Wayyaanee olaanoon Koree Hojii Raawwachiistuu (KHR) EPRDF keessatti argamanii fi tikni wayyaanee olaantotni gamaggama irratti argamu. Gamaggamni kun galma mootummaatti taasifamaa kan jiru yoommuu tahu hojiiwwan KHR kun hojjetaa jiran EPRDF kan hin amansiisnedha jechuudhaan Haayile Maariyaam Dassaaleny dubbatee jira. Hojii isaaniidhaaf madaallii qubeedhaan (Grade) walii kennaa kan jiran yoommuu tahu harki guddeessi isaanii ”C” argachuu isaanii maddeen gabaasanii jiran.

Bittaa abbaa irrummaa Wayyaanee jalaa of baasuudhaaf Uummatni Oromoo sagalee diddaa dhageessisaa jira. Dhihoo kana Miseensa KHR TPLF kan tahee fi Gorsaa muummichaa kan tahe Abbay Tsaayyee Uummatni Oromoo Master plaanii Finfinnee kan mormu yoo tahe SIRRIITTI GALCHINA! jedhee dhaadachuu isaa Uummatni Oromoo balaaleffachaa jira. Uummatni Oromoo balaaleffannaa isaas karaawwan sabquunnamtii garaa garaa ibsachaa kan jiru yoommuu tahu, Yeroo ammaa kanatti Yuunivarsiitii keessatti FDG ho’aan dho’a sodaa jedhuunis wayyaaneen waraana hedduumminaan Mooraa Yuunivarsiitii seensisuudhaan barattoota doorsisaa jirti. Uummatni Oromoo sagalee diddaa dhageessisuudhaan gocha farrummaa Nafxanyootni Uummata Oromoo irratti gochaa jiran xumura akka itti goonu Qeerroon Bilisummaa waamicha dabarsa.

1 thought on “Diddaan Waraana Wayyaanee Keessatti Dhalate Hammaataa Dhufuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Diddaan Waraana Wayyaanee Keessatti Dhalate Hammaataa Dhufuu Qeerroon Gabaase |

Leave a comment