Naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo Aanaa Daallee Ganda Siyaamaa Keessaa Jiraattoti 300 Kanneen Lafiti Irraa Fudhatame Ummata Waliin Ta’uun Diddaa Kaasan.

diddaa9Gabaasa Qeerroo Sooddoo, Guraandhala 23,2014
Ummanni Kibbaa,Godina Sooddoo Irraa Gaaffii Waa’ee Lafaan Hiriira Waajjira Investimentii Naannichatti Bahan, Mootummaan Wayyaanees Qeerroo Oromootu Keessa Jira Jechuun Mufate!‏

Gaaffii waa’ee lafaan kan wal qabate jiraattotni naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo aanaa Daallee ganda Siyaamaa keessa kan jiraatan jiraattota 300 lafti isaanii fuudhamee investeraaf kennamuu irraan guraandhala Gaafa 18/2015 uummanni kun “ Lafti Keenya Investeraaf kenname” jedhuun barruuwwan garagaraa kaasuu fi dhaadannowwan dhageessisuun gara waajjirana investimentii naannichaatti hiriira bahan,

– Lafti keenya nuuf haa deebi’u
– Sagaleen keenya haa dhagayamu,
– Gaaffiin keenya nuuf haa deebi’u kan jedhu dhaadannoo dhageessisuu isaani gabaasni nugahe addeessa.
Gaaffiin uummataa kun guyyaa kana irraa kaasee hanga har’aatti deebii dhabus itti fufee kan jiru yoo tahu mootummaan Wayyaanee Qeerroo Oromootu nurratti kaase, uummata kanaan dura sagaleen isaa hin dhagayamnetu as bahe, uummanni nurratti ijaarameera kan jedhuun gaaffii uummataa deebisuun dura sodaa isaaf humna hin beekamne, kan
uummata kaasu, kan uummata mootummaa irratti ijaarutu jira kan jedhuuf qorannaan dursuu qaba jechuudhaan xiyyeeffannoo godina kana irratti taasisuunis dhagayamaa jira, ammas gaaffiin uummataa dhimma lafa isaaniif haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruudha.!

2 thoughts on “Naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo Aanaa Daallee Ganda Siyaamaa Keessaa Jiraattoti 300 Kanneen Lafiti Irraa Fudhatame Ummata Waliin Ta’uun Diddaa Kaasan.

  1. Qabsoo teenya!!!
    Akkam yaa lammii koo,hundi dhiiga kiyyaa,
    Ilmaan Oromootii,ilmaan sabaa fi biyyaa,
    Caayaan Gaafa Afrikaa,ilmaan Oromiyaa,
    Gaaddisni sabichaa,hangaftoonni aayyaa,
    Jaallan qabsoo Sabaa,baga taatan fayyaa,
    Galata Rabbii guddaa,anilleen nagayaa,
    Mee wal haa barbaadnuu jaalalatu faayaa,
    Qabsoo teenya cimsaa,ta’uuf abbaa biyyaa!!!

    Waan hanbaan Mallasaa,sabatti odeessaa,
    Wanti hantuutni Tigraay,boollarraa lolaasaa,
    OROMOO ukkaamsuuf yoo akka yaada isaa,
    Nu miidhuu hin ta’u,qabsootti nu jabeessaa,
    Qeerroo fi qeerrittiin dhaamsa walii dabarsaa,
    Saaminsa Oromiyaa,mormadhaa wal tumsaa,
    Dhaala dhaamsa gootaa,diina eegee raasaa,
    Diina qofaa mitii,gurgurtuus,balleessaa!!!!!!

  2. Pingback: Naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo Aanaa Daallee Ganda Siyaamaa Keessaa Jiraattoti 300 Kanneen Lafiti Irraa Fudhatame Ummata Waliin Ta’uun Diddaa Kaasan. | andualemmeger

Leave a comment