Hidhattooti Somalee Uummata Oromoo Godina Harargee Bahaa aanaa Baabilee Ganda Daarer Arbaa Jiraatan Irratti Dhukaasa Banuun Lubbuu Gaga’an.

q-news3aaOdeessa Qeerroo Godina Harargee Bahaa, Guraandhala 23,2015
Odeessa Qeerroo Godina Harargee ona Baabilee irraa har’a Guraandhala 23 addeessuun, kanan duras mootummaan uummata Oromoo horsiisee bulaa naannoo godina Baalee irratti mootummaan Wayyaanee hidhattoota Somaalee irratti kaasuun qabeenyaa uummataa saamsisaa, lubbuudhaanis uummata keessaa rasaasaan rukuchiisuu odeessa dhiyaataa ture irraa ni yaadatama. Haaluma kana kan fakkaatu godina Harargee Bahaa aanaa Baabilee ganda Daarer Arbaa jedhamtu keessatti guyyoota muraasa dura Guraandhala gaafa 20,2015 hidhattootni Somaalee guyyaa keessaa waaree booda sa’a 3:00 irratti uummata Oromoo nagaa irratti dhukaasa banuudhaan, uummata keessaa namni 2 lubbuudhaan kan du’ee fi kaan ammoo akka mada’an odeessi nu gahe ibsa.
Dhukaasni uummata irratti baname sababa tokko malee ganda kana keessa seenuudhaan uummata nagaa irratti kun raawwachuu isaa gabaasni nu gahe addeessa. Kana malees hidhattoota Somaalee kana boodaan kan jiru waraana mootummaa Wayyaanee ta’uu jiraattoti naannichaa ni ibsu.

1 thought on “Hidhattooti Somalee Uummata Oromoo Godina Harargee Bahaa aanaa Baabilee Ganda Daarer Arbaa Jiraatan Irratti Dhukaasa Banuun Lubbuu Gaga’an.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Hidhattooti Somalee Uummata Oromoo Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabilee Ganda Daarer Arbaa Jiraatan Irratti Dhukaasa Banuun Lubbuu Gaga’an |

Leave a comment