Gaddisaa Irraa,
Qeerroo dhagahi! isinan waamaa bakka jirtanii
Isiniin dhaamaa ergaa
Akka dhageessanii
Yeroon wal jabeessan har’aa
Kaayyoon keenya ifaa
Galmi ishee bilisummaa
Waliin gurmoofnee gahee keenya rogaan haa baanu
Dirqama lammummaa
Sochiin dargaggootaa kanneen sabboontotaa
Diina haxaawuuf muratoo kanneen tahan qabnaa
Jabaadhaa oromootaa
Daandii abbootiin koo irratti wareegaman
Irraatti kaffalan aarsaa kumaatamaan
Lafeen goototaa
Erbuun oromootaa
Keessa kootii iyyaa galgalaa fi ganamaa
Qeerroo naa jabaadhu leenca kiyya
siifan wareegamaa
Ssirna gabroomfattuu mootummaa Woyyaanee
If irraa dabrina qeerroo koo wal taanee
Lammiin akka bishaanii dheebotee bilisummaa
Dharra’ee walabummaa