Gabaasa Qeerroo Guraandhala 19,2015 Jimmaa
Guraandhala 16,2015 irraa kaasee Godina Jimmaa Aanaa Goommaa Magaalaa Aggaaroo fi aanaa Maannaa irraa Ilmaan Oromoo balleessa tokko malee warraaqsa bilisummaa qabsiisuuf qophiitti jirtu sababaa jedhuun hidhamuun doorsifama jiraachuun ibsame jira
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yeroon badii isaa waan dhiyaateef uummata nagaa qabee hidhaa jira. Adeemsi kun Uummata oromoo hundaa FDG keessa seenee mirga isaa kan falmachiisu ta’uu uummatni dhaamsa waliif gochaa jiruun ibsate.
Aanaa Goommaa Magaalaa aggaaroo irraa kanneen hidhamanii doorsifamanii gadhifaman keessa:
- Sulxan Ahimed jiraataa Magaalaa Aggaaroo
- Fiqaaduu Mokonoon
- Sulxaan Huseen
- Toofiq Abbaa Maccaa
- Jabaal abbaa Maccaa
- Saabir Huseen kanneen keessatti argaman badii tokkoo malee Oromummaa qofaan yakkamanii Wajjiraa poolisaa maagaalaa Aggarootti hidhamuun humna Tikaa Wayyaanee nama maqaan isaa” Abdul Waahim Kamaal” jedhamuun doorsifamuun gadi gadhiifaman.
Aanaa Maannaa Ganda Gechoo Irraa isin mankaararsiitoota Amantaa muslimati jechuun kanneen hidhaman :
- Mohaamed Areebi
- Feriid Shamsuu
- Zeeyinuu Abbaa Foggii
- Saabir abbaa maccaa
- Abdul Aziz Sheik Abdallaa
- Mohamed Kaabir Abbaa Boor
- Seefuu Shejamal
- Xaaher Sheek Aliyii
- Fedilaa Kaahidi dubartii.
- Ahemed abbaa Biyyaa
Kanneen keessatti argaman ilmasan Oromoo nagaan mirga amantaa isaanii mulqamuun Shororkeesitoota jedhamuun yakkamanii hidhamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasan. hidhaa fi doorsifni uummata Oromoo gara FDGtti seensisee Mirga ofii falmachuuf kan onnachiisa jiru malee kan uummata rifasisaa hin jirre ta’uu uummatni gadi qabee dabballoota wayyaanee afaan qabachiisa jira.
Jajjabadha nutis isin faanaa
Anille akkasuma aanaa sigimoorra
Akkasuma hidhaafi dararaarra turre.