Gurandhala 19,2015 Finfinnee
Diddaan Waraana Ittisa Biyyaa Impaayera Itoophiyaa keessatti jabaachuudhaan itti fufe. Ilmaan Oromoo waraana Ittisa Biyyaa keessaa hojjetan Oromummaadhaan ajjeefamuu hin qabnu, Olaantummaan Seeraa saba hundumaa irratti hojjechuu qaba, Nuyi yeroo hundaa ajajamtuu taanee hin jiraannu jechuudhaan Guraandhala 15 Bara 2015 Ganama irraa kaasuudhaan diddaa nyaata lagachuudhaan kan eegalan gara Hojiitti bobba’uus didanii jiran. Waraana Ittisa Biyyaa Kibba bahaa naannoo Ferfer jedhamu Hojjechaa kan turee fi Yeroo ammaa kana Bakka Shillaaboo jedhamutti Hojii irratti kan argamu Koloneel Abdallaa Caalchisaa hiriyyaa isaa Tekettelaachoo jedhamu waliin mana hidhaatti darbatamuu isaaniis hoomaan waraanaa kun gaaffii nuuf haa gadhiifamanii gaafatanii jiran. Kunis Baha biyyattii keessatti jeequmsi olaanaan waraana keessatti mudachuu irraa Miseensotni waraana ittisa Biyyaa meeshaa guutuudhaan baduu irratti argamu. Haala kanaanis Miseensotni 8 waraana Bahaa keessaa miliqanii jiran. Haaluma wal fakkaatuun Waraana Ittisa Biyyaa Kaaba Biyyattii Naannoo Humaraa, Addigiraatii fi Matammaatti gaaffii abbaa biyyummaa eegalameen Ilmaan oromoo Ilmaan Oromoo akkuma baay’ina keenyaa murteessuu qabna jechuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Haalli kun jeequmsa kan uume yoommuu tahu Miseensota waraana ittisa biyyaa naannoo Matammaa 3 naannoo humaraa 6 walii galaan 9 kan rukkutaman yoommuu tahu miseensotni 4 ajjeefamanii jiran. Guraandhala 15 Bara 2015 galgalaa fi Guraandhala 16 bara 2015 miseensotni 13 meeshaa guutuudhaan miliqanii jiran. Diddaan waraana keessaa kan hammaate Dhiha Oromiyaa naannoo Gohaa jedhamee beekamutti xiyyaarri Shaakallii Humna qilleensaa naannoo kanatti itti dhukaafamuudhaan bakka qubachuu qabdu osoo hin dhaqqabiin qubattee jirti. Xiyyaara shaakallii kana irratti miidhaan kan dhaqqabe yoommuu tahu, Leenjiin Waraana Humna qilleensaa keessaa akka dhaabbatu dirqamni kennamee jira.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Diddaan Oromootaa Waraana Ittisa Biyyaa Impaayera Itoophiyaa Keessatti Jabaachuun Itti Fufe |