Kaasi Gowwaa Rafu !!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
- Click to share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme
- Click to share on X (Opens in new window) X
- Click to share on Facebook (Opens in new window) Facebook
- Click to share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube
- Click to share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video
- Click to share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo
- Click to share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp
- Click to email a link to a friend (Opens in new window) Email
- Click to share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa
- Click to share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org
- Click to share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress
Bineensi Bineensumaa!!!!!
Akkam yaa saba koo,nagaa naaf jirtuu,
Bakkuma jirtanii,keessaa fi kan alattuu,
Anilleen nagaa,Rabbii yaa galatuu!!!!
Ani niin yaaddawa jireenya koo guutuu,
Waa’ee lammiiwwan koo baqataa jiraatuu,
Isaan biyyaa bahuuf,galaanni isaan nyaatuu,
Maaf dheefa Gabroomsaa,biyyarraa baqattuu,
Ana hedduu na dhibee,isin hoo maal jettuu!!!!!!
Bineensi ganamaa,kunoo nutti yuusaa,
Ilmaan Oromtichaa gargar nu facaasaa,
Kutaa fi amantiin walitti nu buusaa,
Jaldeeyyii garaadhaa nurratti bobbaasa,
Misooma jedheetiin olola nutti faarsaa,
Ilmaan abbaa biyyaa,biyyaa godaansisaa,
Mallattoo abbaa irrummaa nutti agarsiisaa,
Galmaan gahuuf ka’e dhaamsa isa boollaa,
Kanaaf,nutti gad yaase,tuuta garaa callaa,
Warra itti hin yaadne,boru maaliin bullaa,
Akka Abdul Aziiz fi kan akka abbaa Duulaa,
Kan akka Muktaar Kadiir,dabeessa ololaa,
Jaldeeyyii akkasiittu diinaaf bane hulaa,
Keessaa fixee jennaan,alattis nuun lolaa,
Har’a hoo maal eegna,qaataa walitti laallaa,
Kanaaf,yaa Oromoo,amma maaltu malaa???
Bineenshi Habashaa,sanyiin warra kaabaa,
Maal barbaade laata,maaf kabajaa dhabaa,
Salphina barbaadee,maaf quba nutti qabaa,
Waraaboon nutti yuusaa,akka waan ajabaa,
Finfinne Master Plan jedhee maaf lallabaa,
Roorroon jajjaabattee,maal jettan yaa sabaa????
Dubbiin nu tuffii tun,mee maaliif deebitee,
Jarri dhugaa qabuu,nutuu wal dagatee,
Adeemsi gargariin diinotaaf wal laatee,
Keessaa fi alaanis roorroon nutti kaatee,
Ka’uumsaa fi ga’uumsaan balballi banamtee,
Nutti addaan faca’uun qabsoo jaraaf taatee,
Irree nutti mul’isee qawwee abdii godhatee,
Waan fedhe nuun jedhaa,diinni nu tuffatee,
Bineensi bineensuma,yoomiin siif rifatee!!!!!!
Silaas,akkam goonaa,garaan nu gubatee,
Roorroon alagaadhaa,biyyarraa nu footee,
Abjuudhaan jiraanna,barri laakkawatee,
Roorroon gabroomfataa,daran jajjabaattee,
Dubbadhu yaa Sabaa,sillee carraan geettee,
Numa Bilisoomta,yoo gamtaan qabsooftee,
Diinnan kee qolattee,balaa jaratti buuftee,
Abbaa biyyaa ta’uuf,faajjii kee ol kaaftee,
Oromiyaa keessaa,Wayyaanee gad yaaftee,
Bilisoomuu hin ooltu,abbaa biyyaa taatee!!!!!
Dubbiin Abbaay Tsahaay;garaa nama gubaa,
Yoo waan san dubbatu,mataa nagaa qabaa,
Kaayyoo Jaldeettii dhaa,Jaldeessis lallabaa,
Osoo nama qabaanne,achitti fayyaa dhabaa,
Deebiin gumaa keenyaa,isarraa jalqabaa!!!!
Nuti nama dhabnaan,nutti naqan gubaa,
Gaafana eessa dhaqee,warri ganda labaa,
Warri misooma jedheetiin,oofu oduu sobaa,
Dhaabni aangoo hin qabne,akkamitti dhaabaa,
Hooggansi abbaa biraan,muru murtii dabaa,
Maqaa hooggansaatiin,maaf nyaata waan Sabaa,
Bineensi Bineensumaa,adda baatee qabaa???????
Haqa haa dubbannuu,maaliif irra dibnaa,
Waan dhaaba DhDUO lafaa hin kaasinaa,
Keenya jechuu dhibaa,kan akeekni diinaa,
Warra qabsaayaa fuudhee,alagatti kennaa,
Warra handhuura biyyaa,diinaaf kennu sana,
Maaf maqaa Oromoo isaan irra keennaa,
Haa nurraa ka’anii,jarruu diina keennaa,
Diinni Oromoo guddaan,DhDUO’maan sanaa,
Bineensi bineensuma,maaliin adda baafnaa???
Amma wanti goonu,furmaatni siyaasaa,
Bakka jirtan maraa,sabni wal jabeessaa,
Filannoo sossobaa,obsumaan dabarsaa,
Sana booda hunduu,hidhannoo ol kaasaa,
Bakka jirtan maraa,qabsoo teenya cimsaa,
Wal irratti dhumnaa,fincila jabeessaa,
Sanyii Habashootaa,bakkayyuu dhamaasaa,
Oromiyaa bal’oo keessaa gad yaasaa!!!!!!!!!
Abbaa aangoo guddaa,nuuf kenni Tokkummaa,
Yaa rabbii nu dhaqqabsiisi,hiree Bilisummaa,
Wanti addunyaa kanaa,simaan hoogganamaa,
Situ harkaa qabaa,hooggansa hanga dhumaa,
Bilisa nu baasii,aangoo kan keetumaa!!!!!!!!!!!!!!
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO (Sanyii Waaqoo Guutuu)
Gurraandhala 16;2015