Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Magaala Naayiroobii fi Gaanfa Afrikaa

Koree Hawaasa Baqqattoota Oromoo Magaalaa Naayiroobii | Gurraandhala 12, 2015

Naaroobii

Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu  mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya  afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.

Haaluma kanaan dabballoonni OPDO fi basaastonni murna gita bittuu wayyaanee dhibbaan lakkaa’aman gara magaala Naayiroobiitti galuun embaasii alatti waajjira dhimma kana qindeessu saaquun duula hamaa geggeessutti argamu. Kanaaf, dhalattoonni Oromoo dhimma kana otoo hin hubatiin itti hirmaachuuf  yaada qabdan balaa dhokataa sagantaa kana duuba jiru hubattanii akka irraa of qusattan yaadachiisa kana isiniif dhaamna.

Kaayyoo ifaa ykn. Jechoota Sossobbaa Sagantichaa  Guutummaan Waamiha kanaa PDFn  ggg 44

2 thoughts on “Waamichaa Birmannaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Magaala Naayiroobii fi Gaanfa Afrikaa

  1. Diina diina caalu!!!

    Akkam nagaa jirtuu,gootowwan goototaa,
    Sanyiin dhaalaa biyyaa;ilmaan Oromootaa,
    Baga nagaa taatan,nageenyi furmaataa,
    Anis nagaan qaba,yoo ta’es baqataa,
    Galanni haa gahu,Rabbii hunda horataa!!!

    Yaa lammii qomoo koo,mee haa wal ilaalluu,
    Kaayyoo qabsaa’ota hundinuu haa dhaalluu,
    Galmee qabsoo keenyaa,banannee haa laalluu,
    Bakka jirtan maraa,haa qabsaayuu yaalluu,
    Tokkummaan ol kaanee,diina haa sakaalluu!!!

    Gabrummaa diddatu,mana koo na baasee,
    Namni akka kootii,maaliif natti huursee,
    Haqa koo,ukkaamsa,hinjirree odeessee,
    Ni mormadha yoomuu,murtii hattuun baasee,
    Walitti nu buusu,wal nu irraanfachiisee,
    Lubbuu koorraa bahuu,ani duraa murteessee,
    Rabbitu na eegee,hamtuu narraa jaamsee,
    Dandeettii koo mitii,Rabbitu na jabeessee,
    Hanga har’aan tanaa nagaan na tursiisee,
    Kanaafuu,ani gantuuf,hin gabroomu ciisee!!!

    Kijibee jiraachuun naaf hin danda’amuu,
    Otoo soora arguu,bira taa’ee hin soomuu,
    Osoo lubbuun jiruu,maafan kan saamamuu,
    Dhuga dubbachuu dhaan,yoo ta’es jibbamuu,
    Ani lubbuu hin qusadhu,du’ees awwaalamuu,
    Hubadhu gabroomsaa,ani siif hin gabroomuu!!!

    Warra qabsoo teenya,alagaaf sakaalu,
    Warra Oromiyaa diinaaf muruu yaalu,
    Warra saba gatee,diinaaf mala malu,
    Warra qabsoo teenya,diinummatti faalu,
    Warra yoomu labsu;dhaamsa diinaaf tolu,
    Warra Oromoo gurguree,diinaaf tola oolu
    Akka Leencoo Lataa,sabni hin wallaalu!!!!

    Mee maal jettan dhiiroo,waa’ee Leencoo Lataa,
    Diinatti kan gurgure,hiree qabsoo gootaa,
    Namni hawwii qabsoo,Oromoo waakkataa,
    Namni kaayyoo sabaa,alagaadhaaf laataa,
    Akkamitti Oromoof,hawwii sabaa baataa,
    Kutaa fi amantiin saba addaan fooyataa,
    Akkamitti Oromoo,fuulduraa dhaabbataa,
    Oromoo,isaan jechuun daran nutti ulfaataa!!!

    Namoonni akka Leencoo,heddutu mul’ataa,
    Warra Oromoof jechaa,Oromootaa nyaataa,
    Diina diina caalu,warra fira fakkaataa,
    Akka Abbaa Duulaa,kijibaaf wawwaataa,
    Akka Dhaabaa Dabalee,miseensa hattootaa,
    Akka Juneeddi Saaddoo,kan har’a dhokataa,
    Warra albee lamaan,bitaa fi mirgaa nyaataa,
    Jarreen kanneen diinni,roorroof nutti ergataa,
    Keessaayyuu,kan Leencoo gurra namaa kutaa,
    Gantoota akkanaatiif,furmaanni maal laataa????

    Yaa saba jabaadhuu,qabsoo keetti cimii,
    Diina hin caqasinii;jabeessii gungumii,
    Wallaalaa kee gorsii,daandii itti himii,
    Beekaa kee caqasii,tokkummaadhaan cimii,
    Walitti birmadhuu,waa hin nyaatin hirmii,
    Mirga fi biyya keef,garayyuu gamtoomii,
    Bilisummaa argachuuf,itti wareegamii!!!!!

    Warra saba gatee,bitaa fi mirgaa fiigu,
    Warra amantaa dhaan adda nu diddiigu,
    Bakkuma jiru maratti ofumarraa eeguu,
    Itti fufna qabsoo,jaraa hin taanu muguu,
    Diina,diina caalu,ka’aa ofirraa dhoorguu,
    Itti haa fuftu qabsoon hanga of wareeguu
    Waayee keenya kana rabbumti haa arguu!!!

    Yaa saba koo guddaa bakkayyuu jabaadhuu,
    Hulaa gantoowwanii ukkaamsii qabadhuu,
    Oduun biyya jiraa QEERROO kee gaafadhuu,
    Lafeen diinaa,diina ta’uushee hubadhuu,
    Kaayyoo ADWUI fi DhDUO mormadhuu,
    Tumsaa Itoophiyaa ADO san waakkadhuu,
    Qabsaayaa kee dhugaa ABO jabeeffadhuu,
    Bakka jirtu maraa,moggaa isaa dhaabadhuu,
    Tamsaasa Itoophiyaa,gurra irraa cufadhuu,
    Tamsaasota Oromoon qabdu dhageeffadhuu!!!

    Qabsaayaa fi qabsooftuu tantee jabeeffadhuu,
    Tooftaa gootni dabre,hojjatan hojjadhuu,
    Gaachanaa fi Eeboo kan kee qopheeffadhuu,
    Yoo humni siif geette Qawweellee bitadhuu,
    Biyyaa bahuu dhiisii,diinaa kee mormadhuu,
    Wal baqachuu dhiisii,ofii wal yaadadhuu,
    Aadaa kee deebisii,wal moggaa dhaabadhuu,
    Diina kee wareerii,biyyaa keef falmadhuu,
    Mootummaa Wayyaanee,ofirraa darbadhuu!!

    Jabaadhu,saba koo,aduun bahuu hin ooltuu,
    Ni qal’atti malee,dhugaan yoomuu hin cittuu,
    Na baruu barbaadnaan,Sanyii Waaqoo Guutuu,
    Abdii Baalee Oromiyaa jechuudhaan argattuu!!!!

    Yaa Rabbii,yaa gooftaa tokko nu taasisii,
    Bakka cabne kanaa,atumti ol nu kaasii,
    Daandii haqaa irratti mee nu hojjachiisii,
    BILISUMMAA teenya ijaan nu garsiisii!!!

    Injifannoon kan Ummataa bal’aatii,
    Gadaan,Gadaa Bilisummaa Oromootii!!!!

    Abdii Baalee Oromiyaa ( Sanyii Waaqoo Guutuu)
    Gurraandhala 13,2015

  2. eeyyeen! rabbi guddaan bakka cabnee jirru kanatti nuhaa yaadatu.jarreen addunyaa waliinis walii galaa hin jirtu waan ta’eef fuulduraaf hidhannoo nu gargaaruu danda’u.

Leave a comment