Guyyaa Har’aa,Shaggar,Salaale,Manneen Barnootaa Garba Gurraachaa Irratti FDG Barattoota Oromoon Qabate.‏

Amajjii 27,2015 Garba Gurraacha

diddaa9Kaaba Shaggar,Salaalee aanaa Garba Gurraachaatti Qeerroon barattootni Oromoo har’a Amajii 27,2015 mana barumsaa qophaayinaa,sadarkaa olaanaa, sadarkaa lammaffaa irratti dargaggoonni Oromoo diddaa sirna Wayyaaneef Fincila Diddaa Gabrumaa kaasan.

Fincilli kun Qeerroon naannicha irratti waraqaa waamichaa barattootaa fi dargaggootaaf taasise irratti hundaayee battalatti kan qabate yeroo ta’u barruuleen Qeerroon tamsa’anis gaaffilee mirgaa kan qabatee jiru waan ta’eef dhadannoon barattooti qabatanii FDG gaggeessaa jiranis kanuma ta’uu Wayyaanee fi bulchitoota naannoo yaaddesse. Haala kanaan dhadatnooleen ka’an keessaa

– Mootummaa gabroonfataan nurraa haa ka’u
– Wayyaaneen abbaa irree sirna cunqursaa dha,

-Lubbuu Oromoota yakka tokkoon malee ajjeefamaniif mootummaan Wayyaanee itti gaafatamuu qaba.

-Dhiigi gootota Oromoo angala’ee hin hafu!
– Hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman,
– Mirgi uummata Oromoo haa kabajamuu fi kkf ture,

Hireen Murteefannaa uumata Oromoo haa kabajamu fi kkf ture Humni tika wayyaanee aanaa kana irra jiru haleellaa barattoota irratti fudhachuunis tahe barattootni dhagaa darbuun namootni miidhaman hedduu akka tahe odeessaan addeessa. Diddaa manneen barnootaa garagaraa aanaa kana keessatti eegalee jiru wal hidhataan hanga uummata kaasutti deemaa akka jiru gabaasni addeessaa jira, dhimmi FDG dabalataan baldhinaan ni gabaafama.

 

Leave a comment