Baalee,Yuuniversitii Madda Walabuutti Nyaataan Wal Qabatee Barattootni Gaaffii Kaasuun Dhaadannoo Dhageessisan,Waraanni Wayyaanees Garasitti Bobbahe‏

Amajjii 27,2015 Uni Madda Walaabuu

OromiaALutaContinua2011FDGBaalee, Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti halkan edaa Amajjii 26,2015 barattootni Oromoo gaaffii mirgaa kaasan.bDiddaan barattoota Oromoo yeroo kana ka’e dhimma nyaataan kan wal qabate, dursa ganama Amajii 26,2015 nyaatni qulqullina dhabuu irraan, nyaata guyyaa lama sadii bule barattootaaf dhiyeessuu barattootni muraasni dhukkubaan saaxilamuun manni yaalaa rakkoo nyaataan dhibeen kun barattoota irratti argamuu mirkaneessuun gaaffiin barattootaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo rasaasni dadhabnaan, hidhaan, ajjechaan dadhabnaan amma karaa nyaataan barattoota Yuuniversitii miidhuu eegale jechuun halkan edaa fincilli jabaan mooraa keessatti akka ka’ee gabaasni addeessa. Barattootni oromoo moorichaas gaaffii mirgaa kan abbaa biyyummaatti jijjiiruun halkan guutummaa mooraa keessa deddeebi’uudhaan dhaadannoo dhageesisaa bulan,kanumaan mootummaan humna waraana akka amala isaa naannoo Yuuniversitii mooraa Madda Walaabuutti bobbaasaa jira.

Har’a guyyaa dabalatee halkan kanas garasitti humni waraana isaa ramadamee guuramaa jira,fincilli ka’uun mooraa kanatti daran mootummaa sodaachisuun dhagayamee jira,gaaffiin barattootaa kan mirgaa haalaan kan wal qabatee jiru itti fufuun ammas dhagayamaa jira.

Leave a comment