Amajjii 18/2015 Gabaasa Qeerroo Godina Jimmaa
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee akkuma dhaga’ama jiruu karaa foddaa ETV /EBC, Media lee of harkaa qabu hundaan filannoo sobaa gaggeessuuf kaardii Filannoo uummatni hedduminaan ba’ee fudhachaa jira jechuun olola sobaa oofaa jira malee haala qabatamaa uummata keessa jiruun uummatni kaardii filannoo sobaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun diddaa sirna wayyaaneef qabu argisiisa jira.
Biyyaa democracyn hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa ta’ee fi haqa qabeessa gaggeessuun waan hin danda’amneef uummatni gurraa isaa gara filannootti qabee mirga isaa falmachuu irraa duubatti akka hin jenneef Hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo baatii darbe keessa ibsa bal’aa uummataaf dabarsuun ni yaadatama, yeroo amma kanattis uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoon biyyatti ibsa dhugaa irratti hundaa’ee hoggansii Qeerroo bilisummaa Oromoo kennee bu’uura godhachuun kaardii filannoo Wayyaanee fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun kardii filannoo Wayyaanotaa fudhachuu diduun diddaa sirna abbaa irreef qaban ifatti mul’isaa jiru.
Keessumattuu Magaalaa Jimmaa keessatti uummatni karaa wajjira boordii Filannoo Wayyaanoota iyyuu hin darbinu jechuun guutummaatti kaardii filannoo sobaa Wayyaanee fudhachuu didee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataa kanatti rifachuun humnaan kaardii fudhachiisuu fi humnaan of filchiisuuf sochii cimaa gochuurratti argama, guyyaa har’aa Gandoota Magaalaa jimmaa keessa dabballoota fi
ergamtoota isaatti dirqama addaa kenneen ergamtootni Wayyaanee uummatni dirqamaan ba’ee kardii filannoo akka fudhatuuf mana irra adeemuun uummata dirqisiisaa jiraachuun hubatame jira. Wajjirri boordii filannoo magaalaa Jimmaa keessatti argamu cufaamaa kan jiruu fi namni tokko illee achiin darbaa kan hin jirre ta’uun hubatamee jira. Dabballootni Wayyaanee namni kaardii filannoo hin fudhannee
lammii biyyaa kana miti jechuun uummata doorsisuu irratti xiyyeeffannoo godhani jiru, Uummatni gama isaatiin biyyaa mirgii dhala namaa fi dimookiraasiin sarbamaa jiru keessatti mootummaan ani dimookiraasiin gaggeessa sirna dimookiraasiin bulaa jirra jedhee dubbachuun qaanii guddaa fi yakka guddaa seeraan illee itti nama gaafachiisu ta’uu hubachuun ejjennoo isaanii jabeeffachuun filmaata mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jirachuu ibsan.

Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa Kaardii Filannoo Dharaa Wayyaanee/EPRDF Fudhachuu Diduun Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Yaaddoo Keessa Buuse |