Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Ganda Baaroo Bidiruu Jedhamu Keessatti Konkolaataan Wayyaanee Kaardii Filannoo Hiruuf Bobba’e Diddaa Uumataan Hojiii Ala Ta’uu fi Qondaalotiin Wayyaanees Naannoo Sanaa Baqachuun Beekame.

Gabaasa Qeerroo Amajjii 18,2015 Midaa Qanyiii

diddaa9Gaafa Amajjii 16/2017 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Uummatni konkolaataa Wayyaanee bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii olola filannoo sobaa wayyaanee ofuuf gandoota baadiyaa keessa fiiguun kaardii filannoo wayyaanee akka uummati ba’ee fudhatuuf uummata dirqisiisuuf bobbate irratti tarkaanfii fudhachuun daaraa ishee  godhee jira.

Ergamtootni Mootummaa abbaa irree Wayyaanee /EPRDF keessatti hiriiruun kaleessa gaaffii karaa nagaa fi diimookiraasii uummatni gaafachaa tureef deebii hidhaa, reebichaa, fi ajjeechaa seeraan alaa fudhachaa turan, har’a immoo uummata keessa fiiguun mootummaan keenya dimookiratawadha, sirna democracy gaggeessa jirra, baataani boruu nu filachuuf kaadii filannoo fudhadhaa jechuun uummata kardi filannoo sobaa fi fakkeesituu abbaa irree hin barbaadnu jedhee jiru humnaan dirqaisiisuuf konkolaataa bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii qabachuun buufataalee filannoo sobaa wayyaanee gandoota keessa jira irra naanna’uuf akka ergama diinummaa butatanii qajeelaniin ganda Baaroo Bidaaruu bakka Gatoo jedhamuun beekamutti uummani tarkaanfii irratti fudhachuun konkolaataa bulciinsa Wayyaanee kana taajajilaan ala godhee jirachuun maddeen keenya aanaa Midaa Qanyii magaalaa Ballammii irraa gabaasa jiru.

Tarkaanfii kanaan walqabatee guyyaa har’aa ganda Baaroo Bidaaruu bakka Gatoo jedhamuun beekamutti ergamtootni Wayyaanee uummata dirqamaan walitti qabuun qaamota tarkaanfii akkasii isin keessatti of ijaaree fudhachaa jiru baasaa, yoo of keessa baasuu baattan konkolaata tajaajilaan ala ta’ee kana ni kanfaltu, ni hidhamtu jechuun uummata doorsisuuf yaaliin guddaan godhamuus, uummatni sodaa tokko malee isin mootummaa miti shororkeessadha, mirga dimookiraasii fi ilma namaa sarbaa jirafaaniin immoo dimookiraasii odeessituu, isin hin barbaadnu jechuun uummatni ergamoota Wayyaanee of irraa deebise jira. mootummaan wayyaanees humna poolisaa fi loltuu isaa butatee gandoota baadiyaa Aanaa Mida qanyii keessa naanna’uu itti fufus uummani yoo nu fixxan nu fixaa malee waan baasu hin qabnu, Oromoo ajjeesuu, hidhuu fi dorsisuun hojii keessanidha jechuun uummatni akeeka Wayyaanee dura dhaabbate jira.

1 thought on “Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Ganda Baaroo Bidiruu Jedhamu Keessatti Konkolaataan Wayyaanee Kaardii Filannoo Hiruuf Bobba’e Diddaa Uumataan Hojiii Ala Ta’uu fi Qondaalotiin Wayyaanees Naannoo Sanaa Baqachuun Beekame.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Ganda Baaroo Bidiruu Jedhamu Keessatti Konkolaataan Wayyaanee Kaardii Filannoo Hiruuf Bobba’e Diddaa Uumataan Hojiii Ala Ta’uu fi Qondaalotiin Wayyaanees Naannoo Sanaa Baqachuu

Leave a comment