Gabaasa Qeerroo Shaggar,Amajjii 06,2014
Godinaalee Shaggar lixaa fi kaaba, akkasuma Shaggar bahaa keessatti mootummaan Wayyaanee karaa caasaa bulchiinsa OPDO qajeelfamoota uumata keessatti hojii irra ooluu qabanii fi kanneen bifa walgahiin uumata gadnoota irraa walitti qabanii ololan uumati Oromoo gamtaan didaa jiraachuu fi qajeelfama waajjiraalee gandaatti darbee jiraattoti hojii irra oolchuu qaban jedhee mootummaan baafate diddaa uumataan hojii irra hin ooliin jira.
Haala kanaan dirqamni mootummaan gadi buusee hojii irra hin oolin hafuu waan eegaleef, waraqoonni dhaadannoo Qeerroos baatiwwan muraasa dura maxxanfamaa ture Wayyaanee hedduu mufachiisuu fi ammas haalli jiru sodaa guddaa keessatti kan isa kuffisee jiru, miseensota fi caasaa isaa kan tahan irratti gamaggama hojii gaggeessuuf deema, filannoof qophiin isaa mariidhaan itti fufus haamileen isaa bu’ee akka jiru odeessan kan nu gahaa jiruudha, gama caasaa OPDO irraas ilaalchi gara uummataa, gaaffiin uummanni keenya gaafataa jiruuf deebiin kennamuun dursa uummata qabachuudha, hanga gaaffiin uummata keenyaa deebii hin argannetti akkamiin uummata qabachuun danda’ama jechuun gaaffii uummataa kan deggeru kaasuun dhagayamaa jira.
Waltahiinsa uummataa fi sochiin uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa mul’atu filannoo Wayyaaneef haala yaaddeessaa tahee itti mul’achuun boqonnaa dhabaa jira, kanumaan kan ka’e torbee kana keessa isaaf amanamoo kan tahan hanga gandaatti gadi buusee leenjii kennaa jira, kun akka karoora wayyaanee haatahuyyuu malee caasadhuma qabu leenjii dhimma filannoofisf tahe uummata keessatti waan karoorse xumuruuf adeemu galma hin gayin hafaa jira, kun gara lixa Wallaggaa Dambi Dolloo fi Anfilloo keessatti kan tahaa jiru tikoota, dhimma nageenyaa fi qonnaan bulaa ammoo kan horii qaban dureeyyiidha kan jedhaman kaayyoo mootummaa sobaan guutame hubachiisuuf leenjiin kennamuuf Amajii 1 kaasee gaggeffamuuf ajandaan qabame hanga ammaa galma hin gayin feshala’aa jira. bifuma kanaa waan mootummaan Wayyaanee karoorsu oromiyaa bakka garagaraatti feshelaa’aa akka jiru odeessan kallattii adda addaan nu gahu addeessa.