SEENAA Y.G (2005) – Kutaa 2ffa | Amajjii 3, 2015
Bara 2015, 1ffaa-,waan keessa keenyatti rakkoo uumuu danda’an hunda irraa fagaachuu fi Qabsoo ofii tikisuun, waan kaleessa nu diigee yk wal-afoo ykn wal-dura nu dhaabe, shira diinaa fi fira fakkaattootaa irraa ofi fi qabsoo tikifachuun, 2ffaa- dhukkuba taa’aanii Hawwuu keessaa baanee, Wareegama waa maraa kafallee, Bilisummaa Ummata keenyaa dhugoomsuuf, Humnaa fi dandeettiin akkasumas, Beekumsaan qabsoo kana tinnisuu, deeggaruu, kan danda’u qaamaan keessatti argamee, kan hin taaneef waan qabsoo kana jabaeessuun utubee yoo wal Tumsee, 3ffaa- Ilaalchaan, Amantiin kkf adda baanuus, Dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti waliin dhaabbachuu fi falmachuuf yoo murteeffannee diina qofa irratti xiyyeeffannee yoo hojjanne, humna jabaa taanee, wayyaanee har’aa falminuu qofaa odoo hin taanee,Godinichatti humna murteessaa ta’uu fi dhageetti Addunyaa irraa qabnuus akka ol kaafnu Amantaan kiyya. Bilisoomuuf qofa odoo hin taanee, waan Bilisummaa boodaaf illee, bu’ura kaa’aa deemuun mul’ata kiyya.
Mata duree barruu kiyya kutaa 1ffaa jalatti, Midiyaalee qabnu ilaalchisee,Qabsoo Tumsuu irratti, Xalayaa ABOn, UNtti erguu fi OMN ilaalchisee , waan fooyaaa’uu qabu irratti yaada mataa kiyyaa kaaseen jira. Kutaa 2ffaan isaa itti fufa.
- Aadaa, Seenaa Qooqa/Afaani fi Artii ilaachisee :- sochiin gama kanaan gaggeeffamu qabu, Gamtaa barbaada. Tumsa waa maraa gaafata. Ijaaramuu barbaada. Sochiin gama kanaan taasifamu kan siyaasaa caalaa, bilchina barbaada, obsa barbaada, toftaa barbaada. Bilisummaan booda yoo jennes, dhabama isaa labsaa deemna malee, furmaata hin argamsiifnu. Akka kiyyatti sochiin gama kanaan taasifamu yaada gabaabaan yoon ibsee, Dhalli Oromoo Qabeenyaa Umamaan isaaf kenname kanatti deebi’uuf fedhii walii gala qaba. maaltu akka isaaf tolu hubateera. Hanqinni jiru, akkamiin waan kana jabiinaan Ummata keessatti deebisnee gadi dhaabnaa ? kan jedhuudha. kun Gamtaa fi Ijaaramuu gaafata. Ijaaramuun kun walliftoota qofaa miti. ogeessitoonni hundi waan kana irratti ijaaramnii humna diinni dura hin dhaabbannee ta’uu qaban. Gamataa abbaan fedhe keessa hin burraaqinee fi akka sibiilaa jabaatu dhaabbachuu barbaachisa.