Olola Misoomaa Wayyaanee EPRDF fi Dhimmi Filannoo Nu Hin Laalu Jedhchuun Uummanni Wallagga,Aanaa Qellem, Anfilloo Diddaa Itti Fufan.

diddaa9Gabaasa Qeerroo Qellem, Anfilloo Muddee 29/2014

Dhimma Filannoof uummata walitti qabanii mariisisuuf karoorfame torbee darban kana Muddee 22,2014 irraa kaasee guyyoota lamaaf, Qellem Anfilloo irratti uummanni argamuu diduun feshelaa’e.

Odeessi Qeerroo Anfilloo har’a Muddee 29,2014 addeessaa jiruun, mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa dhimma filannoof hanga gandaatti gadi buusee uummata mariisisuuf caasaa isaa kanneen amanamoo ta’an dirqisiisaa jira, akka odeessan kun ibsutti caasaadhumti mootummaa hojii irra jiru dhimma filannoof mootummaa keessumsiisuu didee jira, dhimma filannoo ilaallatu uummata keenyatti dubbannee uummataan jibbamuu keenya irra hojicha dhiisuutu filatama jedhanii ajaja mootummaa kallattii kanaa lagatan mootummaan kan isaaf amanamoo ta’anittis dhimma bahee uummatatti dhiyaachuu eegale, namoota akkasiin torban darban keessa guyyoota olitti caqasaman Anfilloo irratti walgayii guyyaa lamaaf waamicha godhe irratti miseensota isaa kan ta’an walakkaan argaman irraa kan hafe uummanni guutummaatti hin argamin waan hafeef ergamni mootummaa karaatti hafee ammas haaluma kanaan wal qabsiisanii karaa biraadhaan uummata walitti qabuudhaaf misooma biyyee daagaa baasuu kan jedhu gammoojjii irratti uummata dirqimaan akka bahan taasifame kunimmoo isa dhumaa uummanni fincila kaasutti geese, misoomaa fi dhiqama biyyee eeguun mootummaadhaan durfamnee hin beeknu har’a mootummaan kana nu ajajaa jedhanii ajajoota mootummaan ergee kana irratti uummata bobbaasisuuf dirqama itti kenne uummanni of irraa ariye, akka odeessaan Qeerroo ibsutti daandii ittiin uummata bakka tokkotti walitti qabatan barbaachaaf kan deemanis feshale.

Kana malees  kanneen mootummaan dirqama kana itti kennee uummata bobbaasuu qabdu jedhuun caasaa isaa tamsaase kan gara uummataa jiran uummata keenyaan hin jibbamnu jedhanii ajaja mootummaa lagatanii jiru, akka walii galaatti dhimmi filannoo jedhamuu fi namni mootummaa filuudhaaf afaan saaqqatee dubbatu uummata Anfilloo gidduutti balaaleffatamaadha, uummatas tahe Qeerroon ona kana irraa dhimmoota filannoof namootni uummata keessa duula godhan diddaan uumataa daran jabaachuuf akka deemu Qeerroon gabaasa.

Leave a comment