Gabaasa Qeerroo Finfinnee,Mudde 25,2014
Waraqaan waamicha qabsoo bilisummaaf gaafa guyyaa Mudde 24 bara 2014 irraa eegalee Oromiyaa bakkoota garaagaraatti faca’uu eegale Mudde 25,2014 itti fufuun magaalota Oromiyaa fi baadiyyaalee keessatti bal’inaan faca’uu itti fufee jira. Akka odeessa gumaa’ee nu qaqqabetti, waraqaan kun magaalota Oromiyaa kan akka Amboo fi naannoo ishii, Giincii, G/Baraat, Jalduu, Geedoo, Naqamtee fi naannoo ishii, Waayyuu fi naannoo ishii, Walisoo, T/Boolloo,G/Gurraacha,Fiichee fi naannoo ishii, dhaabbilee barnootaa ol’aanoo garaagaraa kan akka Yuuniversiitii Finfinnee, Amboo, Walisoo, Wallaggaa fi akkasumaas kan bakkoota adda addaatti fac’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe addeessa.
Faca’uu waraqaa waamichaa kanaan wal qabatee mootummaan abbaa irree Wayyaanee shororkaa keessa galuun uummata waraqaa kana dubbisu humnaan akka hin dubbifne irraa bittimsuu fi waraqaalee faca’an kanneeniis irra deemuun funaanaa jiraachuus odeessi nu qaqqabe addeessa.



