Mudde 23/2014 Waldorgommiin Sportii Aanoota Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo keessatti gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjirame. Staduim Amboo Wallee Warraqsaa Qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun dhuunfatame!!
Waldorgommiin Ispoortii gosa garaagaraan aanoota Godina Lixa Shaggar 18 gidduutti kan gaggeeffamaa jiru gara FDG tti jijjarame jira,Goototni dargaggootni Oromoo uummatni Oromoo bakka waldorgommiin Ispoortii kun gaggeeffamutti walitti qabamuun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo fi ABO faarsu sirbuun sagantaa ispoortii fi taphootni garaagaraa wayyaaneen ittin sochii Warraqsa FDG laffisuu fi diddaa uummata Oromoo akka waliigalatti gaggeeffama jiru dura dhaabbachuuf qopheessite dura dhaabbachuun diddaa sirna abbaa irree EPRDF’f qaban ifatti mul’isan.
Olollii afaan faajjii Wayyaaneen gama kamiin iyyuu gaggeessitu akeeka mirga keenyaa fi eenyummaa keenya kabachiifachuuf qe’ee keenyaa fi qabeenya keenya irratti wareegama qaalii baasa jirru irraa duubatti nu hin deebisu jechuun waraana wayyaanee, poolisoota Federaalaa Wayyaanee basaastota wayyaanee ergama diinummaa fudhatanii sochii adeemsa FDG uummtni gaggeessa jiru kana dura dhaabbachuuf babbafamanii fi sabboontota Oromoo adamsuu fi qabanii hidhatti darbachuuf bobba’an dhagaan haleeluun bakkaa Waldorgommiin ispoortii Magaalaa Amboo Stadium guddicha keessatti gaggeeffamaa jiru arii’uun waldorgommiin ispoortii battalumatti gara FDGtti jijjiramuu danda’ee jira.
Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa human waraanaa fi poolisoota federaalaa of harka qabu dargaggoota fi uummata irratti bobbaasuun dirree Stadium Magaalaa Amboo gara dirree waraanatti jijjiruun uummata fi dargaggoota irratti goolii kaasuun uummata gooluu itti fufan illee goototni dargaggootni Oromoo Godina lixa Shaggar irraa sababaa wal dorgomii ispoortii Wayyaaneen ololaaf qopheesiteen magaalaa Ambootti walitti dhufan Wallee Warraqsaa ABO faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo fi gootota Oromoo leellisuu itti fufuun dargaggootni Oromoos tokkummaa isaanii jabeeffachuun gara tokko dhaabbachuun dhagaan humnotaa tikaa fi waraanaa poolisii federaalaa wayyaanee dura dhaabbatan. Haaluma kanaan waldorgommiin Ispoortii ololaaf wayyaaneen qopheesitee guyyaa kaleessa irraa eegaluun caalmatti gara FDGtti jijjiramee jira. Guyyaa har’aa mudde 23/2014 illee Magaalaan Amboo human waraanaa guddaa fi poolisaa federaalaa heddumina guddaa qabuun marfamtee utuu eegama jirtuu, Walleen warraqsaa haalaan jabaatee itti fufee jira.