Sochii Barattoota Yuuniversitii Bulee Horaa fi Diddaa Uumataa Aanaa Ginniir Dura Dhaabbachuuf Jecha Waraanni Wayyaanee Hedduminaan Godinicha Irratti Ramadame.

Gabaasa Qeerroo Godina Baalee, Ona Ginnir Irraa Muddee 22,2014

diddaa9Humni waraana Wayyaanee Baalee aanaalee garagaraa fi naannoo Yuuniversitii Bulee Horaa socho’uun beekame. Gabaasni Qeerroo har’a Muddee 22 addeessuun , mormiin bulchiinsa mootummaa fi karoora miisooma mootummaa gufachiisuudhaaf uummannii fi barataan Yuuniversutuu Bulee Horaa wal tumsee jira sababa jedhuun mootummaan Wayyaanee ona Baalee garagaraa keessatti humna waraanaa qubsiisuun sochii diddaa dura dhaabbachuu qaba jedhee qubachiisuu gabaasni nu gahe addeessa.

Akka madda gabaasichaatti baatiwwan darban keessatti uummanni gaaffiwwan dhimma hidhamtootaa ilaalchisee gaafachuu irraan, akkasuma mootummaan dhimma amantaa keessa akka hin gallee fi hordoftoota amantaa musliimaa keessattis namoota maqaa shororkeessummaatiin mana hidhaa keessa jiraniin wal qabsiisanii gaaffii kaasuun kan yaadatamuu fi akkasuma barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa, gaaffii kaasan waraqaadhaan mooraa keessatti bittimsuun gabaasuun keenya kan yaadatamuudha kanumaan kan wal qabate mootummaan Wayyaanee godina Baalee irratti wal tumsi uummataa fi barataa daran jabaatee akka jiru waan hubateef FDG Oromiyaa keessatti ka’u humna waraana isaatti amanuun uummata dura waraana isaa buusuun hojii isaa fardii waan taheef, sodaa fi shakkii diddaa yeroo ammaa Oromiyaa keessatti qabuun kan ka’e ammoo godina Baalee irratti sochii barattootaa fi uummataa waan isaa yaaddeesseef, humni waraana isaa godina kana keessa onaalee garagaraa fi naannoo Yuuniverstii Bulee Horaa buufatee socho’aa fi doorsisa adda addaa mul’isaa jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo biratti jibbamuu jala muree kan beeku tahullee abdii kutachuu dhabuun, tooftaa hannaa fi doorsisaan filannoo irratti filatamuuf amma irraa haala aanjeffachaa kan jiruu fi uummata keessatti ammoo uummanni qaama biraa filachuun akka adabsiisaa tahe doorsisa uummata irratti bananii baadiyaa keessa socho’uudhaan duula taasisaa jiru,kun godinaalee Oromiyaa garagaraa keessaa gabaasni Qeerroo addeessa.

1 thought on “Sochii Barattoota Yuuniversitii Bulee Horaa fi Diddaa Uumataa Aanaa Ginniir Dura Dhaabbachuuf Jecha Waraanni Wayyaanee Hedduminaan Godinicha Irratti Ramadame.

Leave a comment