Hanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa Jiru,Dhimma Barnootaan Sobni M/Wayyaanee Miidiyaadhaan Ololu Ifa Jira‏

Gabaasa Qeerroo Mudde 19,2014 Jimmaa Horroo 

11387_489669604505323_7735385139558897223_nGabaasa Qeerroo Qellem, Jimmaa Horroo, Muddee 19/2014 Mootummaan Wayyaanee yeroon filannoo jala gahetti misooma barnoota jedhee hafarsuudhaan uummata Oromoon carraa filatamuutiif jecha miidiyaadhaan halkanii guyyaa hafarsaa jira.

Yuuniversitiilee Oromiyaa keessatti baayinaan sadarkaa duraa ol dabaluudhaaf mootummaan baajata guddaa dabalee jira utuu jedhee miidiyaadhaan qaamonni miidiyaa isaatii ololanii gama biraadhaan uummata keessatti ammo barattootni rakkoo hanqina meeshaatiin barumsa dhabanii miidhamaa kan jiran keessattuu barattootni godina Qellem, Jimma Horroo irraa barattootni kutaa 11 fi 12 baratan dhimma barnootaan wal qabsiisanii gaaffii kaasaa jiran, miidiyaaleen mootummaa wayyaanee sodaa fi garaa isaaniif jecha oduu sobaa kan dubbatan, yeroo ammaa uummata biratti kan hubatamee jiruudha, gama barnootaan mootummaan hanga gandaatti baajata guddaa ramadee deggersa barnootaaf kennaa jira kan jedhan barattoota mana barumsaa qophaayinaa Jimmaa Horroo irraa barataniif ammo rakkinoota hanqina meeshaa manni barumsaa qabu guuttachuudhaaf tokkoon tokkoon barataa qarshii 370 kennuu qaba jechuudhaan barattootatti dirqamni kan gadii bu’e torbe kana keessa tahuun isaa gabaani Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa ibsa

Kanumaan wal qabatee Muddee 18 irraa kaasanii barattootni kutaa 11 fi 12 baratan mootummaan gama biraadhaan baajata guddaa baaseen 10849770_489684271170523_3966400981765942262_nmisooma barnootaa Oromiyaa keessatti babal’isa, barataan meeshaa guutuudhaan barachuun dirqama isa kanaf ammoo baajatni guddaan ramadamuu isaa miidiyaa isaanii of harkaa qabaniin kan dubbataa jiran haala dhokataa uummanni hin beekneen ammoo barataa irraa qarshii funaanee kaayyoo jedhee olole san guuttachuudhaaf adeemaa jira, isa kanaaf mootummaan akkuma ololaa jiru san baajata san gadi fidee meeshaa san nuuf guutuu qaba, kana tahuu baannan barumsa hin barannu, qarshiin nu gaafattan hannaaf, duudhaa mootummaa irraa oolchuudhaaf malee faayidaa keenya ykns kan uummataa miti mootummaan maaliif uummata sobaa? Hanqina meeshaas utuu qabnu dorgommii barattoota biraa waliin galuu hin dandeenyu jedhanii barumsa dhaabaa kan jiran tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

984239_489701554502128_8341123047098626439_nUummanni mootummaan erga of hin dandeenye, gadi haa dhiisu kan hojjetuuf kennuu qaba aangicha, meeshaa barnootaa nan guuta jedhee erga dubbachuu eegalee waggaa meeqa, har’a uummataa fi barataa homaa hin qabne irraa maal barbaada mootummaan tahus hanga kana karaa miidiyaa isaanii nu sobuun maalii jechuudhaan uummannis barataa deggeruu isaa , barattootnis barumsa barachaa kan hin jirre tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

Leave a comment