Gaaffileen Artistoota Magaala Shaashimannetti Marii Taasifamaa Jiruun Ka’an!
Mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo ammaa waajjiraalee aadaa fi tuurizimii tahuudhaan Atistoota Oromoo Oromiyaa keessaa walitti sassaabuudhaan guyyaa 10f Muddee 15 irraa kaasee Adaamaa galma Abbaa Gadaa fi Arsii Shaashimanneetti gaggeessaa jiraachuun gabaasnee jirra. Marii taasifamaa jiru kana irratti gaaffilee hedduun Artistoota irraa ka’aa jiru hedduudha, kan Adaamaa galma Abbaa Gadaatti taa’amaa jiru gaaffiilee ka’an gabaasuun keenya kan yaadatamuu fi marii magaala Shaashimanneetti Artistootaan taa’amaa jiru irraa gaaffilee muraasa ka’aa jiru kanaa gaditti kan argamuudha.
- Mootummaan dhalataa Amaaraa waliin tokkummaa akka qabaannu ni barbaada. Miidhaan Habashaan dur uummata keenya irraan gahaa ture keessa keenyaa hin badne har’a mootummaan akkamiin isaan waliin tokkummaa uumaa jiraadhaa jedhaa?
- Dhimma Sportiif Dr Mulaatuun yeroo gara Bahardar deeme isaan irratti iyyanii kan jeeqan ijoolleen Amaaraa namni kun waan oromoo taheefiidha. Presedaantiin naannoo tokkoo maaliif hin kabajamu? Warra Amaaraa biratti uummanni oromoo ammas taanan jaallatamaa hin jiru isa kanaaf dhimma isaan waliin tokkummaa uumuu jedhu irratti walii galtee hin qabnu !!
- Minilik qaamaan yoo jiraachuu baateyyuu suuraa isaa fuudhanii kan naannowan minilikiin kan bakka bu’ee jiru ammayyuu jira,namni kun diina Oromoo waan taheef kana arguu hin barbaannu kanaaf isaan irratti tarkaanfii mootummaan maaliif hin fudhatuu?
- Oromoodhaaf kan falma hadhawaa taasisaa ture ABO dha, ABOn sababa keessaniif biyyaa bahe,har’a taanan ABOn seenaa guddaa qaba,OPDOn seenaa barreeffame maal qabaa? Seenaa maalii hojjettanii?
- Misooma misooma jettanii kan miidiyaa keessaniin kan ololtan waan mul’ataa fi quubsaa uummanni keenya argee hin beeku Itoophiyaan ammayyuu daaraa uffattee jirti, maqaa sobaan hanga yoomitti daldaltuu?
- Minilik isaa uummata oromoo miidhaa ture,ajjeesaa ture, saniif weellistoonni amaaraa sirbaafii jiru, nuti gootota keenyaaf gaafa sirbinu maaliif gara siyaasaatti lakkaawamaa? Kan isaanii maaliif siyaasatti hin ilaalamuu?
- OPDO fi ABOn Oromoodha, saba oromootiif dhaabbatani, isaan kun lamaan maaliif waliin hon sochoonee? Maaliif isaan lamaaniif biyyi kennamee hin bulchin?
- Mootummaan misooma irratti bobbahee hojjetu yoo jiraateef misoomni biyya keessa jiraachuutti ni amanna turre,dirqamaanis haatahu alaabaa Federaalaa fudhanneerra,warri amaaraa garuu ammayyuu alaabaa godaannisa leencaa qabu fudhatanii naannawu,maaliif isaani irratti tarkaanfiin hin fudhatamuu? Erga taheemmoo isaanis maaliif tokkummaa sabaa fi sab-lammootaatti hin amananiree?
- Uummata Oromoo keessa beekaan baayeedha, muummicha ministeeraa maaliif tahuu hin dandeenye oromoon?
- Dhimma waraanaa irratti Oromoon ajajaa jeneraalotaa tahee hin hojjetuu?
Kan jedhuun gaaffilee guyyaa mari eegalan irraa kaasee ka’aa jiran qabxiiwwan ijoo tahan gaafachuun waan gabaasa nu gahe irraa hubatamaa jira, haaluma kanaan ammallee kan itti fuee jiruudha. Gabaasa dabalataan walitti deebina!
Jalqabumaa jarattiin tuni Oromoo mari’achiistee furmaata kennuufiif osoo hin taane odeeffannoo irraa argachuufi. Kanas ta’ee sana barri badii diinaa dhidhihaachaa waan jiruuf murtee ishee haa beekkattu.