Gabaasa Qeerroo Haromayaa,Mudde 18,2014
Guyyaa gaafa Mudde 16,2014 Mooraa Yuuniversitii Haromaayaa keessatti barruuleen uumata Oromoo hadheessanii fi qorqalbii cabsan maxxanfamuu irraan baratooti Oromoo gaaffii mirga Oromoo kaasan. Haala kanaan barattooti Oromoo naannoo Mana Kitaabaa ( Library) itti wal qindeessuun sagalee diddaa dhageessifatan. Kun kana ta’aa osoo jiruu battalatti humni waraana Wayyaanee bakka irraa dhufe hin beekamne mooraa guutuu naannawuu fi baratattoota Oromoo doorsisuun akka isaan diddaa dhaabanii fi naannoo san irraa bittinfaman gadi jabeessanii akeekachiisuun dirqiin barattoota gaaffii isaanii dhaabanii ofii mooricha dhuufantanii jiru.
Haalli kun kanaan hin dhaabbante gabaasa dabalata Qeerroon booda irra ni dhiheessa.