SEENAA Y.G (2005)kutaa 2ffaa | Muddee 3, 2014
Wareegama Qabsoon keenya nu gaafatu maaliin tilmaamu dandeenya ? ykn akkamiin beeku dandeenya ? Bilisummaan Wareegama malee hin argamtu. Kanaaf wareegama hanqisuu fi dhiisuu maaltu fide ? jedhee kan gaafatu hin dhabamu. Wareegama lubbuu qofaatti fudhatee, lubbuun miliyoona itti ba’ee Bilisomnaan rakkoon maalii ? ka jedhus jira. mee fakkeenya tokko haa kaafnu. Ega Oromoon gabrummaa jalatti kufee, ilamaan Oromoo diinaan lubbuun dabartee miliyoona 5n (kun xiqqaachuus guddachuus danda’a) haa tilmaamnu. Ega Gabroomnee ammoo waggaa 150tti haa fudhannu. Wareegamni kun kan lubbuu qofaadha. Kan Qabeenyaa, beekumsaa, Maallaqa kkf itti hin daballe. Addunyaa irraa lubbuu amma kana itti wareegee gabrummaa jalatti kan hafe jiraa laata ?wareegama haganaa, toftaa ittin Bilisoomuuf lafa keewwannee raawwachiisuu keessatti baafne jenna moo, diinumatu nu cabsuuf nu fixeedhaan bira tarra ? wareegama hanga har’aatti baasaa jirrutti milkaa’uu maaf dhabne ? maaliif wareegama qofaan hafne ?
WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA!!!kutaa 2ffaa.docx