Ayyaana Sabaa fi Sab-lammii Sababeefachuun Burjaajii Wayyaaneen Uumaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qeerroo

Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Mudde 5, 2014

Ayyaana Sabaa fi Sab-lammii Sababeefachuun Burjaajii Wayyaaneen Uumaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan EPRDF/TPLF afaan qawweetiin aangootti ol ba’e umurii bulchiinsa isaa  dheereffachuuf uummata kaleessa nagaan waliin jiraacha ture akka waliin hin jiraatne gochuun uummata biyyatti waliin dhahuun, sabaa fi sablammoota biyyatti walitti diruun dhiiga wal dhangalasisee umurii bittaa isaa waggaa 23ffaa ol itti fufuuf tattaafachaa jira. Haalum kanaan kan wal qabate yeroo ammaa qabatamaan sabaa fi sablammoota biyyatti irratti dalagaa kan ture keessaa dhiyoo kana addaatti uummata guddaa biyyatti uummata Oromoo jeequuf, migraa fi tokkummaa dhabamsiisuuf saboota xixiqqoo hidhachiisuunii fi walitti buusuun dhiiga wal dhangalaasisaa jira.

Godinaalee Oromiyaa  gama bahaan Somalee hidhachiisuun, uummata Oromoo Godina Harargee keessa jiratuu irratti waraana bansiisuun  lubbuun ilmaan Oromoo kumootaan lakka’amuu fi qabeenyii miliiyoonotaan lakka’amu barbada’era, amma illee lubbuun hedduu badaa jira. Booraana keessatti saba tokkicha gidduutti illee nagaan akka hin jiratneef jedhee shira xaxuun Booraanaa fi Gujii, Booranaa fi Garbaa fi Garrii walitti naquun uummata Oromoo Godina kana keessa jiratu keessatti nagaa fi tasgabbiin dhabamee lubbuu wal balleessuu fi dhiiga wal dhangalaasisaa kan ture mootummaan Wayyaanee itti gaafatama  seeraa fi seenaa keessa ba’uu hin danda’u. Darbees, haaluma walfakkaatuun Godina Baalee nannoo ‘’Saweenaatti’’ Somaalota hidhachiisuun guyyaa har’aa illee ilmaan Oromoo nagaan qe’ee isaniitti rasaasaan reebamanii ajjeefama jiru. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Muddee 05 2014

Leave a comment