Gabaasa Qeerroo Muddee 03,2014
Akkuma beekamu waraana Wayyaanee keessattis wal dhabdeen erga muldhachuu eegalee oolee bubbulee jira, haala kanaan ilmaan Oromoo humna waraanaa keessatti argaman ilaalcha sabboonummaa sadarkaa oliitti keessatti dhalachaa waan deemeef jecha Oromoota kanneen ta’an irratti xiyyeefannaan addaa fi jibiinsi irratti hammaachaa waan dhufeef jedha wal dhabdee fi wal shakkiin guddaa uumamee jira. Haala kanaan kallattii kana irraan gabaasni nu gahe, ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessa jiran uummata keenya irratti harka hin kaasnu, miidhaan uummata Oromoo waraana mootummaa Oromoo ta’an illee waan gaga’uuf jedhcha nutis akka ilmaan sabaa tokkotti obbolaa keenya, abbootii keenya ilaallee ilaalcha diinummaa saba keenya irraa kaasuu qabna sababaa jedhuun kutaalee waraanaa jiran keessatti gaaffii kaasaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee haala kana irratti rifaatuu qabu Oromoota garii ramaddii daangaa eegsisuu sababa jedhuun gara gammoojjii biyyattiitti ergaa jiraachuun beekamee jira. Haata’u malee kaayyoon kun , diddaa uummanni Oromoo kaasan keessatti miidhama uumata Oromoo teeny hin ilaallu,hamma ilmaan sabaa taanetti callisuun nu hin baasu isa jedhu irraa madda.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Humna Waraana Wayyaanee keessaa Ilmaan Oromoo Kan Ta’an Gaaffii Uummata Keenya Ni Deggerra Jedhu! |
Silas akka horiitti habashaa gabroomfataadhaan oofamuun dhala Oromoo fokkataadha. Dammaqinaa fi ogummaa waraanaa horataniin biyya Oromiyaa fi Uummata Oromoo Lammii isaanii jireenya salphinaa gabrummaa habashaa jalaa baasuu qabu. Gabroomfataaf qacaramanii umurii gabroomfataa dheeressuuf bilisummaa lammii ofiitti gufuu ta’uun akkuma Yihuudaa of gaagursiisuun hin oolu. Oromiyaan ni bilisooma. Oromoon qabsoosaatiin ni bilisooma. Gaafas eessa lixu. Amma falachuun.