YAA OROMOO!
- Qe’ee irraa buqqifamuun uummataa haa dhaabbatu. Kanneen buqqifamanis hatattamaan beenyaa gahaan akka kennamuuf gaafatna!
- Hidhaa fi ajjeechaan haa dhaabbatu. Hidhamtootni siyaasaas haal duree tokko malee haa hiikaman!
- Barnoota, hojii irraa arii’amuun akkasumas doorsifamuun haa dhaabbatu!
- Maqaa gibiraan saaminsi waggaa 22f gaggeeffamaa jiru hatattamaan haa dhaabbatu!
- Namootni barattoota, barsiisota, uummata ajjeesaa bahan murtiitti haa dhiyaatan.
- Caasaan tikaa fi manni hidhaa Uummata irratti diriirfame haa diigamu!
- Sirnii fi Caasaan mootummaa hojii fi muudama siyaasaa waraana loogii sanyummaa irratti dhaabbatee ijaarame hatattamaan haa diigamu.
- Qaala’insa jireenyaa sababa saaminsa mootummaa abbaa irreen uummata hiyyoomsaa jiru guutummaan dura dhaabbanna.
- Mootummaan EPRDF loogii fi saaminsa irratti ijaarame haa diigamu!
- Mirgi uummataa fi dimokiraasii hojiin haa hiikamu!
- Mirgi amantiilee haa kabajamu. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu haa dhaabu!



