Sadaasa 12,2014 Yaadannoo FDG Sadaasa 9, marsaa 9ffaa akka waliigalatti Jimma irratti kabajameen walqabatee Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaatti poolisootni magaalaa Jimmaa dhalootaan Oromoo ta’an sochii kana duubaan hiriirtanii jirtu jedhamuun bulchitoota godinaa ykn hojjettoota Wayyaneen qoratama jiru.
Sabboontotni poolisootni Oromoo dhalootaan Oromummaa isanitti amananii fi waanuma Oromoo ta’aniif sabboontota barattoota Oromoo ajjeesuu, hidhuu, fi doorsisuu irraa waan of qusatan qofaaf Sochii warraaqsa FDG Qeerroon biyyatti keessatti gaggeessa jiru keessa harka qabdu, waraqaa FDG garbummaa fi yaalii mootummaa fonqolchuu magaalaa kana keessatti maxxanfamu isinumatu maxxansa, isinumatu uummata keessa facaasa, utuu hamma kana baay’atanii akkamitti halkanii gurraa ABO’n waraqaa fincilaa nurratti bittinneessa jechuun waan qabanii gadhiisan dhabuun sabboontota poolisoota Oromoo qorachuutti fuulleeffatan. poolisootni Oromoo ta’an kun badii tokko illee hin qaban Oromoo Oromummaa isaatti Amanuu fi sodaa malee ani ilma Oromooti ofiin jechuu qofa irraa qorannaan humnoota tikaa wayyaaneetiin irratti gaggeeffama jira.
Kana malees mootummaan wayyaanee waraaqsa FDG Qeerroon dhiha Oromiyaa keessatti qindeessee akka guutummaa biyyattiitti gaggeessa jiru fi warraaqsa hawwannaa uummata bal’aa argatee biyyatti keessatti dhageetti guddaa argachaa jirutti yaaddoo ulfaata keessa seenuun waan qabee gadhiisuu dhabuun raafama guddaa keessa seenee jira. Humni waraanaa magaalaa Jimmaa mooraa waraana 12ffaa waraanaa dhihaa jedhamuun beekamuu keessattis Oromoon sadii ol ta’ee akka waliin hin adeemnee, bilbilaan daqiiqa 5 ol akka hin dubbannee dhorkaman, haala kanaan ilmaan Oromoo lafa jiran hundatti ija shakkiin ilaalamaa jiraachuun ilmaan Oromoo hundi FDG keessatti akka hiriiranii mirga dhunfaa fi saba isaanii kabachiisan kan taasisu ta’uun hubatame jira.
kana malees ” Yaa Uummata Oromoo utuu hin durfamiin dursuu qabna, utuu qabeenyaan hin guuramiin dura dhaabbachuu qabna,erga qabeenyaan Guuramee dura dhaabbachuun lafa qullaa irratti boo’u ta’a; bakka hundaa harka wal qabatnee saamicha qabeenyaa lfaa fi albuudota Oromiyaa haa falmannu, FDG waliigatti gaggeeffamuuf jiru keessatti ilmaan Oromoo hundi qooda keenyaa fudhachuu qabna, kun dhimmaa eenyummaa fi Oromummaa ta’uu hin dagatiina, ilaalcha siyaasaan moggatti wal hin dhiibiinaa, Oromoon tokkicha wal malee hin qabnu halagaan nyaatee saamee nurraa galuuf fiigaa jira jechuun hoggansii sochii warraqsaa Qeerroon Magaalaa Baallamii irraa uummta Oromoo hundaaf dhaamsa dabarsee jira.
