Nuti barattootni saabboontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Dabra Markos jirru, hojii mootummaa Wayyaanee Yuunversiitiilee Naannoo Oromiyaa alaa keessaatti raawwatu akka afaan Oromoo hin dubbatamnee fi aadaan Oromoo hin callaqisne gufuu ta’aa turuu isaanii ni hubanna.
Yuuniversitiilee garagaraa Oromiyaa ala jiran keessattis shira habashootaan kan akka yuuniversitii Goojjam, Bahardar, Maqalee, Aksum fi kkf keessatti barattootni Oromoo hedduun utuu jiranii darbanii afaan isaaniin dubbachuu dadhabaa turaniiru. Yeroo ammaa bu’aa qabsoo Oromoonni kumaatamaan irratti wareegamaaniin argame tiksuu fi bakkaan ga’uuf gaaffii barataan Oromoo mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun gaafataa jiraniin kumaatamnii hidhaatti darbamanii, kaan ariiyatamanii kaan wareegamanii darbaniiru.
Keessattuu barataan Oromoo yuuniversitiilee naannoo habashaa keessa jirru(naannoo Oromiyaan ala) gumiiwwan aadaa fi afaan Oromoo guddisuun achi haa hafuuti mooraa yuuniversitii akkanaa keessatti dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalama. Haa ta’u malee nuti barattoonni sabbontota Oromoo yunversiitii Dabra Maarqos keessa bara 2014 kana keessa jirru yeroo rakkoo tahe kana keessa darbamuun walitti dhufnee eega marii’annee booda gumii guddina afaanii fi aadaa Oromoo mooraa kana keessatti hundeeffachuun bakka itti barataan Oromoo wal arguu fi wal yaadatu tokko gadi dhaabbachuu keenya yeroo ibsannu gammachuudhaani.
Guutummaan eejjetnoo kanaa:- Barattoota Y. D. Maarqos.doc
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattooti Oromoo Mooraa Yuuniversitii Dabra Maarkos Dhiibbaa Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Irraan Gahu Irraa Kaasanii Ibsa Ejjetnoo Kennatan |