Wallaggaa, Mana Hidhaa Gimbii Keessatti Dargaggoonni Oromoo 142 Hidhamanii Jiran Keessaa Namoota 27 Irratti Yakki Guddaan Raawatamuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Sadaasa 8,2014 Magaala Gimbii
Because I am OromoOdeessa maatii hidhamtootaa fi gabaasa Qeerroo irraa qindaa’ee har’a nu qaqqabe yeroodhaa yerootti akkuma gabaasaan dhiyaataa ture baatii Ebla 2014 keessa FDG dargaggoota Oromoon ka’een wal qabatee lubbuu barattootaa fi qonnaan bultoota Oromoo hedduutu bade, barataan danuun madaa’ee kumaatamaan kan lakkaawaman ammoo yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa kan jiru waan hubatamaadha. Haata’u malee mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti guyyaa fincilli kun eegalee kaasee uummata oromoo sabboonummaa qaban tika isaan qabsiisee mana hidhaatti darbee yakka tokko malee dararamaa jiru, ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti dararaman lakkaawuun kan nama rakkisu yoo tahe iyyuu gabaasa Qeerroo magaalaa Gimbii irraa nu qaqqabee fi akkasuma gabaasa maatii hidhamtoota keessaa magaalaa baqa mootummaa wayyaaneef magaalaa Finfinnee keessa jiraatan irraa nu gaheen diddaa lixa Oromiyaa lixaa irratti mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan falmii dhageessisaa turan yeroo ammaa mana hidhaa keessatti dararamaa jiru.

Caamsaa 10/2014 godina Wallagga aanaa Haaruu magaalaa Jiituu keessatti diddaan qabatee ture humna mootummaa wayyaanee tahanii uummata miidhuuf kan ka’an irratti uummanni Oromoo magaalaa kanaa tarkaanfii fudhachaa tureen akkasuma humna waraana wayyanee dura dhaabbatanii gootummaadhaan mirga isaanii falmachuu irratti argamanii kan turan, ilaalcha ergamaa ABO fi dhaaba ABOf warra hojjetana jedhamee maatiidhaan mana hidhaa keessatti hanga ammaa dararriin irratti gaggeffamaa jiru,Caamsaa gaafa 12/2014 tikoota Wayyaaneen qabamanii baatii tokkoof waajjira poolisii aanaa Haaruu magaalaa Jiituu kan turan, baatii tokkoon booda gara mana hidhaa godinaatti darbuun mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti hanga ammaa dararamaa
jiran namoota 142 keessaa haalaan kanneen miidhaman Oromoota 27 kan armaa gaditi:-

  1. Yesuufee Kadir,
  2. Derejjee Badhaasaa
    3. Chuuchuu Kabbadaa67
    4. Giiboo Kabbaadaa
    5. Eliyaas Kabbadhaa
    6. Balaay Kabbadaa
    7. Mulugeetaa Kabbadaa
    8. Koorsaa Tarrafaa
    9. Olaanaa Tafarraa
    10. Bennesaa Waajjiraa
    11. Waaggaarii Tafarraa
    12. Eleiyaas Fiqaaduu
    13. Fiqaaduu Kabbadaa
    14. Takilee Kabbadaa
    15. Qannoo Dabalaa
    16. Dubbaallee Bantii
    17. Duulaa Tashoomee
    18. Kinfuu Asfawuu
    19. Haayiluu Tarfaasaa
    20. Jiraataa Saaqqataa
    21. Gammadaa Olaanaa
    22. Ayyaanaa Taammiruu
    23. Addisuu Tashoomee
    24. Sanbatoo Tashoomee
    25. Qaasimee Mohaammad
    26. Maabiraate Derejjee
    27. Dassaaleny Haayiluu
    Namootni kun akkuma olitti ibsuuf yaalle mana hidhaa lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii keessatti hidhamanii kan jiran tahuun beekama.

Leave a comment