SEENAA Y.G(2005) | Sadaasa 7, 2014
Miidiyaaleen Qooqa Oromoo Biyya keessaas ta’uu Biyya alaa Ummata isaanii tajaajilaa jiran, dhimma Qooqa Oromoon wal-qabatee, beektootaa fi Ummataaf gaaffiilee wal fakkaataa tokko gaafachuu jaalatan. Kunis Qooqi Oromoo, Aadaa fi Artiin Oromoo sadarkaa maalii irra jiraa ? guddatee moo, hin guddannee ? jedhanii gaafatu. Warri gaaffii kanaaf deebii laatan, deebiin isaanii, Biyya keessaa fi alatti garaagari. Inni Biyya alaa jiru haqa jiru haala qabatamaa jiru waliin deebii kenna. Inni Biyya keessa jiru ammoo, Qooqi Oromoo, Aadaan Oromoo, Artiin Oromoo guddachuu fi dhiisuun isaa Ummatichaaf odoo hin taanee, holola qaama biraaf barbaadama waan ta’eef yoo xiqqaate “guddachaa jiraatti” harkisanii ibsuu yaalu. Akka fakkeenyaatti deebii ogeessa aadaa fi Artii tokkof, gaaffiin wal fakkaataa dhiheessaniifi jennaan deebii isaan kennee haa kaasu. Artiin Oromoo Guddateera moo, hin guddanne ? deebii suduudaa laachuun waan hin yaadamne. Waan Biyya keessa ta’eef. Kan inni deebise garuu“warra Aartii kana guddisuuf bobba’an eenyutu isaan gargaara ? abbootiin qabeenyaa yoom bira dhaabbatan ? amma humana isaanii sochaa’aa jiru miti ? Ogeessi fi Namni beekumsa qabu yoom isaan gargaaranii beeku ? yoom bira dhaabbannee beeknaa isaan komachuuf fiigna ? waa hundaan isaan deeggaruu barbaachisa. gaaffii na gaafatte kana dura kanatu ilaalamuu qabaa ” jedhan. Maal jechuu akka barbaadan ifadha.