Sadaasa 8,2014 Qeerroo Yuuniversitii Aksum
Sadaasa 9 FDGn wal qabsiisuudhaan Qeerroon hanga har’aatti Sadaasa 8 waraqaa dhaadannowwan uummata Oromoo kakaasu qopheessuudhaan caasaa hunda qaqqabsiisaa jira, godinalee oromiyaa keessaa fi manneen barnootaatti yaadannoo guyyaa kanaan wal qabsiisee dhaadannoon mooraawwan barnootaa adda addaa keessatti maxxanuu akka qabuuf barruun Yuuniversitiilee hundaatti caasaa qabnuun dhaqqabsiifamee jira.
Kanumaan wal qabsiisee Qeerroon mooraa Yuuniversitii Aksum jiru sabboontotni oromoo yuuniversitii kana keessa jiran naannoon isaan jiran, bakki barumsa isaanii uummata tigraay keessa tahullee, soda tokko malee barruu garagaraa dhimma uummata Oromoo ilaallatu, dhiittaa mirga uumata Oromoo ilaalchisee mooraa keessatti barruu maxxansanii kan bulan yoo tahu, dhaadannowwan :
– Mirgi dhala oromoo eessaa fi yoomiyyuu kabajamuu qaba,
– Mootummaan wayyaanee oromoo murtii dabaa fudhachuu dhaabuu qaba,
– Mootummaan wayyaanee saamicha lafaa uummata oromoo irraa dhaabuu qaba,
– Barataan oromoo yakka malee hidhamuun haa dhaabbatu,
– Maqaa shororkeessuumaan ABO dhaadachuun haa dhaabbatu,fi kkf..
Mooraa Yuuniversitii Aksum keessatti waraqaan halkan maxxanfamee bule, kan shakkamu ijoollota Oromoo tahanillee gaaffiwwan bifa dhaadannoon barra’anii maxxanfaman kun gaaffii barattootni kaasaa turan tahuu isaa waan beekameef caasaa OPDO moora san jiruun eenyu akka maxxanse hin beekamne, garuu gaaffii barattootni leenjii isaanii irratti kaasaa turaniidha, shakkiidhaan barataa kamiinuu qabuu irra waraqaa maxxanfame kana buqqisnee hordoffii gochuu qabna jechuudhaan guyya kana marii taasisaa akka jiranii fi murtii dabaa akkuma amala isaa mootummaan Wayyaanee barattoota oromoo mooraa san jiran miseensa OPDO kan hin taane kamuu qoratamuu qaba,hordofamuus qaba, qabamees yeroodhaaf hidhaadhaan qorannaan irratti gaggeeffamuun waan dirqamaati jedhee murtoo dabaa baasee dhaamuun dhagayame, barruun maxxanfame OPDO mooraa sanaan buqqa’ee kan bahee fi barattootni oromoo mooraa kana jiran guyyaa boruu Sadaasa 9 guyaa FDG kabajuu fi haaluma kanaan dhaamsa dabarsuu akka qaban murtoo fi ejjennoo qaban cimsanii Qeerroof dhaamu, naannoon jiraannu gaaffii mirgaa gaafachuuf nun daangessu, doorsisi diinaas of taanee akka hin mul’anne nun godhu, Oromummaa keenya ifatti mul’isnee darbuun uummata keenyaaf wareegama barbaachisu kaffaluun ejjennoo keenya tahuu isaa dhaamsa dhaammatu, sochii barattootni oromoo mooraa kanatti taasisan keessaa inni duraa barruun dhaadannoo dhimma qabiyee saamicha lafa oromoon wal qabsiisee, mirga Oromoon wal qabatee,.. maxxansuun barattoota oromoo hunaaf waamicha dabarsanii akka jiran gabaasni Qeerroo mooraa yuuniversiti Aksum irraa har’a ganama kana addeessa.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattootni Oromoo Moora Yuuniversitii Aksum Waraqaa Dhaadannoo Mooraa Keessatti Maxxansuun Gaaffii Mirgaa Kaasan |