Breaking News:- Har’a Sadaasa 7/2014 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qaanyiitti Goototni Barattootni Oromoo M/B Baallammii Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Uummata Waliin Ta’uun FDGBbifa Haaraa fi Qindoomina Qabuun Qabsiisan.‏

diddaa9

Guyyaa har’aaSadaasa 7,2014 Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qaanyiitti goototni barattootni Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina uummata waliin ta’uun FDG bifa haaraa fi Qindoomina qabuun qabsiisan.

Guyyaa har’aa ganama sa’aa 4:00 irraa eegaluun goototni Barattootni Oromoo M/B Baallammii Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Mooraa mana barumsaa keessatti walitti qabamuun gaaffii isaanii karaa seera qabeessa dhiyeeffachuun addatti  gaaffii ‘’ saamichi bifa haaraan lafa Oromoo albuudaan gabbataa ta’ee Gammoojjii Garaadoo Anoonuutti argamuu hektaaraa 450 olitti kan tilmaamamu abbootii qabeenyaa wayyaaneetti gurguramaa jiru atattamaan dhaabbachuu qaba jechuun uummataa waliin walta’uun hiriirrii mormii guddaa gaggeeffame jira.

Hiriirri kun jalbultii yaadannoo Sadaasa 9 marsaa 9ffaa kabajamuuf jiru bu’uura godhachuun kan eegale yoo ta’uu kutaalee Oromiyaa keessatti haala itti fufinsa qabuun adeemsifamuuf jirachuun ibsame. Guyyaa har’aa kana aanaan Midaa Qanyii human Waraanaa Wayyaanee FDG dhaabsisuuf bobba’ee fi Uummataa Oromoo mirga isaa falmachaa jiruun raafama jirti. Bulchiinsii Aanaa Midaa Qanyiis hojii dhaabee oleera, Hojjettootni fi daldaltootnis FDG kana irraa qooda fudhataniru.  uummatni barattoota waliin ta’uun gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachuun FDG baatii Eblaa 2014 irra eegaluun adeemsifama ture bifa adda ta’een jabeessuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii qubsaa argatuttii FDG wal irraa hin citneen mootummaa abbaa irree dura dhaabbatna jechuun fincila diddaa garbummaa finiinsuun sagalee guddaan dhaadannoo armaan gadii dhageesisuun hiriirrii mormii sinra abbaa irree Wayyaanee aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallammii irratti gaggeeffama jira.

Dhaadannoowwaan:-

  1. Oromoo qabeenyaa fi Qee’ee irraa buqqisuun, Ajjeessuun Hidhuun, Barnoota irraa arii’uun dhaabbachuu qaba!!
  2. Oromiyaa falmanna, Biyyaa abbaa keenyaa Falmanna!!
  3. Mootummaa hin qabnu , mootummaa mataa keenyaa haa hundeeffannu!!
  4. Hojjeetaan, Poolisiin, daldalaan, qotee bulaan baraataan, barsiisaan bakka jirtan hundaa Ilmaan Oromoo hundi harka wal qabannee haa kaanu!!
  5. Saamichi qabeenyaa Uumamaa lafa albuudaan badhaate abbootii qabeenyaa wayyaaneetiin Oromiyaa fi aanaa Midaa qanyii Anoonuu irraatti xiyyeeffate atattamaan dhaabbachuu qaba!!
  6. Qabeenyaan Abbootii Irree qabeenya keenya saamuuf bobbaafamanii barbadeeffamuu qaba!!
  7. Nuti uummaatni Oromoo maatummaa mataa keenyaa haa hundeeffannu!!
  8. Qabeenya namatti hin bunee, mirga namatti hin, qabeenya keenyatu saamame, mirga keenyatu saamamee, ni falmanna, mirga keenyas ni kabachiifanna!!
  9. Filannoon kijibaa kan Mootummaan wayyaanee bara 2015tti gaggeessuuf jedhee cidha qopheessa jiru nurraa dhaabbachuu qaba!!
  10. Mirgii Ilma Namaa Oromiyaa keessatti sarbamaa jiru kabajamuu qaba!!
  11. Mirgii dimookiraasii uummata Oromoof kabajamuu qaba!!
  12. Lafa dimookiraasiin hin jirreetti maqaa Filannoon uummata gowwomsuun nurra haa dhaabbatu!!
  13. Hidhamtootni Siyaasaa Oromoo haal duree tokko malee hiikamuu qabu!!
  14. Mootummaan EPRDF baatii Ebla keessa Gaaffii karaa mirgaa fi nagaa gaafatneef tarkaanfii ajjeechaa duguginsa sanyii nurratti fudhateef itti nuf haa gaafatamu.!! Kan jedhuu fi kanneen kana fakkatan dhaadannoo arii fi dheekkamsaan guutame uummatni fi barattootni walitti dabalamuun sagalee mormmii guddaan sirna abbaa irree qawween biyya bulchaa jiru wayyaanee dura dhaabbatan.

Mootummaan abbaa irree human waraanaa guddaa kora bittinneessaa jedhamuu fi poolisaa uummatatti gadhiisuun sagalee uummataa ukkamsuuf yaalii guddaa keessa oluus, uummaatni poolisotaaf waamichaa FDG taasisa jira. Wayyaaneen haala kanattis rifatuu guddaa keessa seenuun uummata irratti dhukaasaa akka bananiif ajaja dabarsuun korri bittineessa wayyaanee uummata nagaa meeshaa waatuu of harkaa hin qabne irratti dhukaasaa banuus uummatni  fi goototni barattootni Oromoo mormii guddaan jala dhaabbatan guyyaa keessa  hanga sa’aa 9:00tti mormii guddaa dhageesisuun eenyummaa uummata Oromoo diinatti argisiisan.

 

Leave a comment