Sadaasa 04 Bara 201
4 Jiituu Lammii Irraa
Barri 1998, bara Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaaf dhiyaate tauun buaalee dhiigni ilmaan Oromoo magarse keessa isa hin dagatamne taa. Barri kun bara hojiin Oromoo fi Oromummaa qalbii dhalootaa keessatti deebisanii magarsuuf taasifame hundee jabaa horachuu mallattoon eeru itti mulatee dha. Dhaloonni haala kana keessa cayaa Oromummaa jalatti, harka Oromoorrattii fi foolii Oromummaa keessatti guddate dhaloota gadoo sabaa baasu, madaa lammii dhinsu (fayyisu), dhaloota seexaa fi murannoo addaa qabu, dhaloota gabrummaa hadheeffate taeetu guddate. Dhaloota ormaaf hin jilbeeffanne kan ofii dabarsee hin laanne, dhaloota fincilaa tauu hojiin mulise. Hojii dhaloota kanaatu dhimmi Oromoo dubbii abbaa jabaa qabu tauu mirkaneesse. Fiixee dubbii addunyaatti olbaasee toora qabsiise. Kanatu xiyyeeffannoo dubbii koo haraatii na waliin turtuu laata!!
Bitootessa, 2000 bosonni Oromiyaa Booranaa fi Baalee torbanneeniif birmachuu tokko malee gubachuun dhugummaa dubbii kanaaf mirkana tae. Kan Oromiyaaf birmatu Oromoo tauutu hubatame. Manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman hunda keessaa sagaleen gurmuu jabaarraa dhagahame dhugumattuu dhaloonni roorroo bara dheeraatti xumura tolchu qeee Oromoo keessaa biqiluu akeeke. Sana booda Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) otoo walirraa hin cinne arguu fi dhagahuun adaa tae.