Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee Ibsa ABO

ABO

Ibsa ABO Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo hirmaatnaa ummataan caalaa utubuu sirna gabrummaa xumura gochuuf bara 2005 ABOn ummata bal’aa Oromoof alagaan bitamuun nu haa gahu! Jedhee akka diina irra nciluuf waamicha dabarse. Ummatni Oromoos waamicha Dhaaba isaa ABO irraa dabreef gammachuun o fudhatee Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) guutuu Oromiyaa keessa adeemsisuun tarkaani boonsaa yomiyyuu yaadatamaa jiraatu fudhate.

Fincilli bara 2005 i fufame bifa adda addaa sadarkaa adda addaa adeemsifamaa har’a gahuunis haqa qabatamaa mul’ataa dha. I fu Fincilli
Diddaa Gabrummaa bara 2005ni kunis baa-i Eblaa Bara 2011 irraa eegalee muratoo ilmaan Oromoo Qeerroo Dargaggoon haaraa bifa jarmyaa qabatee caalaa ol kaafame guutuu Oromiyaa waliin gahee akka i fufe jira. Fincilli Qeerroon Bilisummaa ol kaafame hirmaatnaa ummata bal’aa Oromoo-in tumsamuun kan mooraa diinaa raase QBO ammoo galii isaa dhiheesse tahuu FDG bara 2014 keessa adeemsifamaa turee jiru caalaa mirkaneessa.

Fincila ummata Oroomoo qooda ola aanaa Qeerroon niinaa jiru ummata Oromoo keessaa ala jiraatu irraa tumsaa deggersa ol aanaa argatuu danda’uun isaas hammeenyaa daba ummata Oromoo Oromiyaa keessa hojjatamaa jiru addunyaaf ifa gochuu dandeessiseera. Injifannoon galmeeame kunis laafaa kan hin argamne tahuun ammoo eenyuyyuu jalaa dhokataa mi-. Ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu tahuu ifa mul’isuuf wareegama qaalii ulfaataa baaseera. Wareegama lubbuu, qaamaa, qabeenyaa kan biroo maallaqaan hin shallagamne irra baasaa jira.

Guutuu Ibsa ABO:- FDG Sadasa 09, 2014 Irratti Ibsa ABO.pdf

1 thought on “Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa Ilaalchisee Ibsa ABO

Leave a comment