Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Gumiin Guddina Dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo qophii “Ana Dhufuu” barattoota Oromoo haaraa bara kana gara Yuunivarsiitii Jimmaa seenaniif qopheessan

Sadaasa 2,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Gumiin Guddina Dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo qophii “Ana Dhufuu” barattoota Oromoo haaraa bara kana gara Yuunibarsiitii Jimmaa seenaniif qopheessuun haala miidhagaa taeen simatan.
Goototni Barattootni Oromoo Gumii Guddina Dagaagina Seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo waliin wal ta’uun qophii anaa dhufuu barattoota Oromoo haaraaf qopheessuun barattootni Oromoo haaraa fi kanneen duraan mooraa Yuunivarsiitii irra barachaa turan akka wal baratanii fi waliin socho’aniif qophii bifa adda ta’een mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campus Gamoo Taddasaa Birruu Jedhamuun waamamu duuba galma gudduu Mooricha keessatti argamutti galgala sa:a 12:00 irraa eegaluun sagantaan haala ajaa’iba ta’een eegalame. Goototni Barattootni Oromoo qophii kana ilaalchisuun dhaamsa gurguddaa waliif dabarsuun, barattootni Orpomoo kan duraanis ta’ee barattootni haaraan reefuu gara Yuunibarsiitii Jimmaatti dhufan wal baruun Tokkummaa Uummata Oromoo jabeessuu, Aadaa ofii guddisuu, afaan ofii guddisuu, eenyummaa fi Oromummaa ofii guddisuu, Sabboonummaa ofitti boonuu fi Ofta’uu fi wal ta’uu irratti ergaa fi dhaamsa bal’aa erga waliif dabarsanii booda Walleelee Warraqsaa kanneen qabsoo bilisummaa uummata Oromoof nama onnachiisaniin wal bohaarsuun sagantichi haala gootummaa fi onnee Oromummaan guutameen itti fufe!

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa walleewwaan warraaqsaa kanneen itti aanan kana sirbuun wal jabeessuun bilisummaan uummata Oromoo hanga mirkanaa’utti qabsoo bilisummaa Oromoo fi sochii warraqsa FDG irraa duubatti kan hin deebine ta’uu diinatti argisiisan. Walleewwaan warraaqsaa kuneenis: wallee artistiii ,Caalaa Bultumee ”
Ka’ii Qeerroo hin kaana…”Ka’ii Oromoo hin kanaa Oromiyaa ciranii habashatti gurgurani…” Adinaal Mohamed ” Michuu baay’een qaba lixa biiftuutirraa… ” , Wallee Artistii Haacaaluu Hundeessaa ” kan nama nyaatutu nu keessa jira, nan siyaade yaa qeerransoo koo, yaa jajjabee koo…” jedhuu fi Walleewwaan Warraaqsaa Artistoota Oromoo wal harkaa fudhuun haala ajaa’iba ta’een barattoota haaraaf barnootni guddaan
kenname jira.

Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee ijoolleen Oromoo qophii kamuu mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti akka hin qopheesine, barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG narratti kaachisuuf qophii gochaa jiru jechuun sodaa Ulfaata keessa galuun qophiin anaa dhufuu barattoota haaraaf barattootni Oromoo qopheessuun hin qaban
jechuun uggura kaa’uuf yaaliin godhames Olaantummaa gootota Qeerroo barattoota Oromootiin injifatame jira. Goototni barattootni Oromoo gaaffii tokko malee qophii anaa dhufuu barattoota Oromoo haaraa dura kan dhaabbatu eenyuu jechuun tokkummaa fi gamtaa isaanii jabeeffachuun ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabamaniif barnoota guddaa dabarsaniru. Ergamtootni basaastotni wayyaanee qophii kana hordofuu fi hambisuuf hedduminaan haa ramadamani iyyuu malee Olaantummaa gootota barattoota Oromoon qophiin anaa dhufuu barattoota
haaraa bara kanaa gaggeeffame jira. Goototni Barattootni Oromoo Sagalee guddaadhaan walleelee warraaqsaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa dhageesisuun mootummaa abbaa irree Wayyaaneef sodaa tokko illee kan hin qabne ta’uu mirkaneessan.

3 thoughts on “Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Gumiin Guddina Dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo qophii “Ana Dhufuu” barattoota Oromoo haaraa bara kana gara Yuunivarsiitii Jimmaa seenaniif qopheessan

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Gumiin Guddina Dagagina Seenaa, Aadaa fi Afaan Oromoo qophii “Ana Dhufuu” barattoota Oromoo haaraa bara kana gara Yuunivarsiitii Jimmaa seenaniif qopheessan |

Leave a comment