Uummanni Rakkina Bishaan Dhugaati fi Ibsaan Qabamee Diddaa Akka Hin Kaasneef Jedhcha Yeroo Ammaa Shirri Mootummaa Wayyaanee Bal’atee Jira.‏

Gabaasa Qeerroo Godina Jimmaa, Onkoloolessa 31,2014
A boy drinks water from a pond in Bule Duba village in the outskirts of Moyale, near the edge of Oroma and Somali regions of EthiopiaGodina Jimmaa keessatti uummanni rakkoo bishaan dhugaatii fi ibsaan kan rakkate tahuu gabaasni Qeerroo darbaa ture ni addeessa. Ammas gabaasa Qeerroo Onkoloolessa31,2014, yeroo ammaa uummanni Oromoo Oromiyaa keessa jiraatu rakkinoota tajaajila bishaanii fi ibsaan saaxilamee jiraachuun kan dhagayamu godinoota akka Jimmaa, akkasuma kutaalee Wallaggaa keessaa fi kan itti jabaate magaalaa Finfinnee keessattis rakkinni bishaan dhugaatii dhabamee kan jiruu fi walla walii galaatti godinoota Oromiyaa keessa rakkoon kun daran jabaatee kan jiru tahuu isaa gabaasni Qeerroo kan ibsuudha.

Yeroo ammaa kanatti miidiyaadhuma isaanii irrattillee kan dubbatu uummanni rakkina kanaan miidhamee kan jiruudha, mootummaan Wayyaanee uummanni rakkoo kanaan saaxilamuun isaa gama tokkoon yaaddoodha, uummanni mootummaa akka jibbu kan taasisu waan taheef rakkoon kun miidiyaadhanillee akka uummanni hin dubbisamne dhorkuu yaalus kan hin danda’amne tahullee torbanoota kan lakkoofsise magaalaa Jimmaa keessatti rakkoon kun yeroo dheeraa kan ture ammas naannoo biroo kanneen akka Wallaggaa, Shagar  bahaa fi kaabaa, akkasuma magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa garagaraa keessatti kan mul’taa jiruudha, kanumaan wal qabsiisee uummanni gaaffii kaasaa akka jiru, bara keenya keessatt rakkina hanga kana gahu arginee hin beeknu mootummaan uummata irraa fedha hin qabu, silumayyuu mootummaan wayyaanee humnatti fayadamee uummata bulcha waan jiruuf rakkina uummata mudate keessaa baasuun waan fedha hin qabneef keessattuu uummata Oromoo rakkinaan qabamee jiraachuun didaa fi gaaffii kaasuutti gufuu taha, haamilee dhorka jedhee waan yaaduuf rakkoolee uummanni Oromoo keessa jiru kanaaf fala barbaaduun hafee uummata rakkoo keessatti ilaaluun furmaata taha kan jedhutti amanee kan jiru mootummaan Wayyaanee, uummanni Oromoo rakkina bishaan dhugaatii, rakkina ibsaa irra darbee gaaffii fi diddaa isaa itti fufuun waan dirqiiti, akka ilaalcha mootummaa wayyaaneetti rakkoon kun darbee darbee Oromiyaa keessatti kan babal’achaa jiru tahuun isaayyuu uummanni rakkina kana irra darbee mootummaa waliin fincila hin adeemsisu kan jedhu ilaalcha keessa galchee rakkoo kana O romiyaa keessatti tooftaadhaan akka jiraatu taasisaa jira. Akkasuma sochii fi qophiin diddaa fuula duratti ademsifamuuf deemu sadaasa 9n wal qabsiisee mootummaan wayyaanee shakkii waan qabaateef, humni waraanaa fi poolisii isaas isaan gidduutti wal shakii fi dhimmi Oromummaa ilaalu waan babal’ateef, akkasuma sabboonummaan yeroo ammaa kana uummaat Oromoo fi hidhataa mootummaa sabaan Oromoo tahan gidduuttis waan ol guddataa dhufeef mootummaan wayyaanee hojjetoota isaa irraa yeroo itti amantaa dhabeedha.
Akkasuma lixa Oromiyaa fi qellem Wallaggaa keessattis uummata Oromoo irraa deggertoota dhabee kan jiru, hojjetaan lafa hojiitti hojiin isaa gamagamamuu, hordofamuu,waajjira keessatti hojjetaa wal ijaaruudhaan wal hordofsiisuun, aanaadhaa hanga gandaatti tikootaa fi jaleewwan olola funaanuun gabaasan facaasuun hammaachuun isaa mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa uummata Oromoo irraa amantaa dhabuu isaa gabaasonni Qeerroo yeroo ammaa ibsu. Haaluma kanaan uummanni barataa waliin diddaa kaasa jedhee shakkiin waan jiruuf uummata oromoo tasgabbeessuuf ammo humna waraana isaa irraayyuu amantaa dhabee sababa jiruuf uummanni rakkatee fi beela’e rakkoo isaa irrabee fincila hin kaasu, mootummaa irratti humna ittiin ka’ee mirga isaa falmatu hin qabu jedhee waan yaadeef uummanni rakkinoota kanneen akka bishaan dhugaatiin gidirfamuu, nyaata dhabuu fi ibsaa balleessuu kun tooftaa godhatee ka’uun isaa uummaya gaaffii itti fufsiisuu tahee kan jiru gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

 

1 thought on “Uummanni Rakkina Bishaan Dhugaati fi Ibsaan Qabamee Diddaa Akka Hin Kaasneef Jedhcha Yeroo Ammaa Shirri Mootummaa Wayyaanee Bal’atee Jira.‏

Leave a comment