(Gabaasa Qeerroo Onkololeessa 14,2014) Mootummaan abbaa irree Wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa fi haaromsa Itoophiyaa jedhuun gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa goototni barattootni Oromoo qabsiisan dura dhaabbachuuf olola afaan faajjeessaa ofaa jiru bakka hundatti mormii guddaan danqame jira. Walga’ii abbootiin irree qopheessan kana irraa kasaaraa malee bu’aa argachaa akka hin jirre beekamaa ta’uun isaa mootummicha keessattu gaaffi kaasaa jira.
Mootummaan Wayyaanee sochii goototni dargaggootni barattootni Oromoo biyyatti keessatti qabsiisuun dirmanna uummata biyyatti fi idil addunyaa argachaa jiru irraa yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun, gochaa hammeenyaa uummata Oromoo irratti rawwatee fi yakkoota abbaa irrummaa sabaaf sablamiii biyyatti irratti rawwatuun uummaatni biyyatti hojjetaa mootummaa hanga hojjettoota guyyaa fi hojii dhabdoota daandii irraa rakkachaa jiranitti Wayyaanee irratti dammaquun moormii guddaa Wayyaaneef qabaatan., Addaatti dargaggootni barattootni Oromoo Wayyaaneen abbaa irree beekamaa fi mootummaa uummata afaan qawween shororkeessa jiru ta’uu addunyaa biyya lafaaf saaxiluun , FDG bifa qindaa’een Wayyaanee irratti qabsiisuun eenyummaan wayyaanee ifatti baasan. Halli kun waliigalatti uummatni biyyatti mootummaa EPRDF/TPLF balaaleffachuun mataa itti baatee uummatni kaan immoo quqqaa isaa karaa dubbatu dhabee rakkachaa waan jiruuf, Mootummaan Wayyaanee adeemsa kana irraa yaaddoo fi kufaatiin ulfaataan itti dhufuu irraa sodaa hamaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu dhabuun ” maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa fi olola afaan fajjii ittin uummata dubbachiisu danda’uu qopheeffatee, uummatni natti aaree jiru yoo dudubbate natti wayyaa’a isa jedhuun harka tokkotti qawwee harka bitatti immoo ajandaa siyaasaa butatee Oromiyaa keessa fiiguutti gadi ta’ee.
Haala kanaan hanga ammatti gaaffiin uummata tokko illee deebii argatee hin jiru, Uummatni dubbatee gaaffii mirgaa gaafachaa jiru kun waanuma dubbatee deebii’ee galee ciisuu Wayyaneetti fakkate, Uummatni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jiruuf deebii mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuu fi biyyaa isaa irratti Oromoon abbaa biyyaa ta’ee, ofiin of bulchuun biyyoota ollaa waliin illee naqaa fi tasgabbiin jiraachuu barbaada. Oromoon hanga deebii sirrii kana hin arganneetti guyyuu bakka jiru hundatti FDG qindeessuun mootummaa Wayyaanee jala dhaabachuun itti fufa. Haalli sochii walga’ii wayyaaneen cichoominaan itti fufaa jirtu irratti dammaqamee jira wayyaaneen walga’ii kanaan uummata walitti qabdee maqaa walga’ii kanaan uummaatni aarii garaa isaa akka hin dubbannee fi malaan sochii keessa uummataa duddubbachiiftee tasgabbeessuuf tole jettee waan yaaddee malee jijjirama biyyaaf jedhamee kan yaadame akka hin taane saaxilame jira.
Gama biraan mootummaan Wayyaanee torbee darbee keessa barattoota waggaa tokkooffaa gara Yuunibarsiitii seenaa jiran maqaa walga’ii kanaan dursitee waamte irratti diddaa guddaan barattootni Oromoo dura dhaabbatan, walga’ichiis mormii fi gaaffii guddaa barattootni Oromoo kaasaniin deebii tokko malee xummuramee jira. Ammas abbaan Irree Wayyaanee abjuun hallayyaa qilee keessa ba’uu hin dandeenye irra adeema bulu hojjettoota mootummaa sectora fayyaa fi barattoota Oromoo Kolleejjii barsisotaa Jimmaa, Naqemtee, Shambuu, Mattuu, Asallaa fi Baalee Roobeetti baratan Onkololessaa 13/2014 irra eegaluun olola qopheeffate karaa ergamtoota ishee ofuu itti fufte jirti, akkuma walga’iin wayyaanee eegaleen goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa iyyummaa irratti kaachisuun Wayyaanee fi ergamtoota TPLF dura dhaabbachaa jiru.