Gabaasa Irreechaa Kan Baranaa, Onkoloolessa 5/2014
Ayyaanota Irreecha kan hora arsadee darban keessatti adda kan taasise hirmaannaa uummataa heddummaachuu isaati, akka namoota waggaadhaa waggaatti irreecha irratti argamanii ayyaanefattaa hanga har’aa deeman irraa waanni kaafamu baayina uummata Oromoo kan guyyaa kaleessaa ayyaana san irratti gaggeeffameedha. Haala ajaayibsiisaadhaan uummanni miliyoonaan lakaawamu bahee waaqa isaa galateeffachuu irratti fageenya adeemsa guyyaa lama sadii oliin dhufanii hirmaachuu isaaniti. Egaa akkuma beekamu walitti qabamuun uummata oromoo kun mootummaa Wayyaanee kan
hinaaffiseedha, tikoonni Wayyaanee naannoo magaalaa Bishooftuu buufatanii kan turan kan uummata keessatti argaman suurawwan kanaa gadii irratti kan argamuu fi uummanni sodaa tokko malee ayaana kana irratti fedhaa fi weelluu qabsoo Qeerroo Bilisummaa waliin tahuudhaan dhiichisa garagaraan guyyaa guutuu kan kabajaa ooleera.
Gama biraan weellistoota miseensa OPDO tahanii jiran keessattuu hojii uummata Oromoo diinummaaf saaxilu waltajii irratti afeeramnaan uummataan ariyamanii jiru,weellistoonni sabboonummaa qaban hunduu uummata waliin yeroo kabajaa isaanii dabarsanii jiru. Waantonni uummata Oromoo ayyaana irreechaa kanaaf deeman kan mudate karaa mootummaa wayyaanee namootuma sabboonummaa qabani karaama ittii nama barbaadan san argataniin namootni hanga lakkoofsaan 100 qaban keessaa gara nama 30 gadhiisanii jiru. Kana malees kitaaboleen garagaraa gurguttaadhaaf dhiyaatan kan tikootaan daandii gubbaatti toohatamanis jiru, sababa kan tahe ammo bifa alaabaa ABOtiin hojjetameedha, alaabaan mormamus guyyaa kaleessaa magaala Boshooftuu
fi Dukam keessatti faaruun ABOdhaa guutummaatti hanga halkan keessaa sa’a 5:00niitti sirbamaa tureera, waraabbiwwan hedduun kanaa gaditti kan maxxananii jiraniidha. Dimshaadhumatti eebba abbootii gadaa fi qondaalota wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa fi Muktar Kadiriin ayyaanni kun saaqamee kaasee hanga galgalaatti nageenyi uummataa kan eegamee ooleedha, suurawwanii fi viidiyoowwan adda addaa
ayyaana irreecha kaleessaa ilaalchisee kanaa gaditti kan argamuudha. Dhadannoo hedduun uummataan dhagayamaa tureera,sirbootni qabsoo ifaa ifatti kanneen akka ……eenyu isheen daanga oromoo lixxu irra ejjettee
mormashee hin kuttuu….
…oromoon guutuma duruu………..,
…. ka’I Qeerroo Hin Kaana…,
….ABOn Gaacha Uummata Oromooti,….
….Siifam lola yaa oromoo narra hin gortuu……, ragoota dabalataaf waraabbii kanaa gadii ilaaluu dandeessu. Dhuma irrattis haalli uummata Oromoo sodaachisaa tahus, kan waamamuu fi faarfatamus ABO wan taheef poolisoonni Oromiyaa naannoo sanii fi uummata keessatti argaman uummanni tokkummaa qabu kanatti isaan gammachiisuu irraan uummata waliin hirmaachuuttii kan fufaniidha. Yeroo irreechaa kana qofa osoo hin taanee tokkummaan uummata oromoo duratti kana caalaa diina isaa kan yaaddesseen itti fufuu akka qabu dhaamsoleen Qeerroo dhaan darbaa tureera,walumaa galatti uummani oromoo guyyaa kaleessaa Irreecha irratti argaman dhimma amantaan utuu wal hin qabsiisin sirboota qabsoo uummata oromoo kakaasu irratti kan argaman kanneen naannoo kan akka Adaamaa, Finfinnee, Amboo, Sabbataa,Arsii, naannoo galan hundatti
sirboota qabsoo dhageessisaa galaniiru, gabaasni isaa ganama kanallee kan nu qaqqabaa jiru ayyaana kanaan wal qabsiisee faaruwwan qabsoo naannoo jirutti halkan guutuu kan itti bule tahuu nu qaqqabsiisaa jiru,nageenyi uummataa haala eegame caalatti kan milkaaweedha. Kan barana xumurae kan bara dhufuuf nagaan walitti deebi’uun hawii isaa waliif dhaamaa wal irra adda kan baheedha,namoota diinaan ayaana kana irraa ugguraman gama hundaan jala bu’amee hordofamaa jira,gabaasa saniin walitti kan deebinu ta’a.
01.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPbnZCZ0w4SlFEMDQ/edit?usp=drive_web>
2.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNWw5RGZDQ284YzQ/edit?usp=drive_web>
03.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPMUdqblFJTlBaMEU/edit?usp=drive_web>
04.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPQUFyc0hLZlRDUlE/edit?usp=drive_web>
05.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWlppRngzVG92cW8/edit?usp=drive_web>
06.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPM2FEMVM3OUdMSU0/edit?usp=drive_web>
7.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWFNGMTlBQTdRdkk/edit?usp=drive_web>
08.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNUJPc1hPVENtMTQ/edit?usp=drive_web>
09.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNWhBUldPSVZNUHM/edit?usp=drive_web>
010.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWlBtRkFZMURVaVE/edit?usp=drive_web>
011.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPdXJzc1ZFOTYzZGs/edit?usp=drive_web>