Gabaasa Qeerroo Godina Booraa aanaa Bulee Horaa Onkoloolessa 03,2014 rakkoo bishaan dhugaatiin kan ka’e uummanni jiraattootni aanaa Bulee Horaa diddaa isaa yeroo itti jabeessee jiruudha. Kan beekamu naannoleen oromiyaa adda addaa rakkoolee bishaan dhugaatiin kan ka’e rakkina guddaa keessa jira yeroo amma, rakkoo kana furuudhaan horiin uummata irraa sassaabamu duudhaa mootummaa wayyaanee irra kan oolu malee rakkoo uummataa kan furu miti.
Akka aanaa Bulee Horaatti uummanni naannoo kana jiraatu martuu bishaan dhugaatii barbaachaaf adeemsa sa’atii 5 deemuudhaan bishaan jaalkaanii tokko qarshii 5niin kan bitee jiraataa jiruudha. Projektiin bishaan dhugaatii aanaa kanaaf akka hojjetamuuf karoorfame baajatni isaa kan ramadame qarshii miliyoona 31 dha. Horiin kun ramadamuun isaa kan uummanni dhagayee jiru waggaa lakkoofsiseera, hanga ammaatti uummanni rakkoon kun guyyuudhaan kan dabalaa deemuudha,mootummaan rakkoo kana furuuf jecha horii kana sassaabee ture amma horiin kun eessa akka deeme namni hubatee jiru tokkollee hin jiru, haaluma kanaan kan ka’e uummanni aanaa kana keessa jiraatu rakkoo kanaan wal qabsiisee mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni keessa jiru erga hin furree, uummata irratti guyyaa guyyaadhaan rakkoo kan fe’aa deemu erga ta’e mootummaa kana of irraa buqqisuu qabna jechuudhaan kaleessa Fulbaana 29 irraa eegalee uummanni diddaa jabeessee akka jiru gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
Rakkoon kun aanaa kana qofa keessa utuu hin taanee naannolee oromiyaa garagaraa keessatti kan mul’achaa jiruudha, mootummaan wayyaanee miidiyaa isaatiin yeroo ammaa guddina biyyaa kan odeessaa jiru, uummata biyyichaa beelaa fi dheebuun dararamaa jiru keessatti guddina misoomaa fi biyyaa ololaa jira, rakkoolee bishaanii, nyaataa fi daandiif jecha horiin uummata irraa guuramu jireenya ilmaan tigrootaa fi biyya isaa kan gabbisaa jiruudha, rakkoo kana keessatti uummanni oromoo of ilaaluu dhiisuun yeroo itti dirqii tahee fi beelaa fi dheebuu keessatti mootummicha rakkoo kanaaf sababa tahee uummata miidhaa jiru irratti ka’uu fi hiriiruun of baasuudha. Fuula duratti rakkoon kana caalu biyyattiitti akka dhufu har’a hubachuutu ta’a, mootummaan wayyaanee ofii furdatee, ofii jiraatee, ofii nyaatee uummata Oromoo beelessuu fi balleessuu irratti waan cimee karoorfatee jiruuf uummanni Oromoo rakkoo nyaataa fi bishaan dhugaatiin miidhamaa jiru keessatti waliif dirmachuudhaan mootummaa Wayyaanee of irraa fonqolchuu fi rakkoo uummataas waliin furuun waan yeroon itti kennamu mit.
Baha Oromiyaa keessatti walii galaatti rakkina kana keessa uummanni utuu jiruu siyaasa isaa furdifachuu fi aangoo irraa turuu irratti waan kaayyeffateef nanoota hojii mootummaa wayyaanee morman, kan isaan mudate rakkoolee kana keessatti mootummaa sababa rakkoo kanaa ta’e yeroo uummanni mufannaa irraan mootummaa dura dhaabbachuuf ka’utti hidhuutti kan gamaa jiruudha, haaluma kanaan egaa yeroo ammaa rakkoo isaanii obsuu dadhabuu irraan jiraattootni uumanni Oromoo godina Booranaa aanaalee garagaraa fi aanaa Bulee Horaa keessa jiraatan tokkummaadhaan rakkoo isaanii furachuudhaaf mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf diddaa isaanii kan jabeessaa jiran, gaaffiin horii dhimma kanaaf uummata irraa sassaabame keessatti dhiyeessuun diddaa isaanii jabeessuu irratti akka argaman gabaasni Qeerroo godina Booraanaa aanaa Bulee Horaa irraa nu gahe addeessa.