Gabaasaa Fulbaana 1,2014 Walga’iin mootummaa abbaa irree Wayyaanee EPRDFn dhaabbilee barnoota irratti qopheesse bu’aa tokko malee xumurame.Batattooti Oromoo guyyaa walgahiin dirqiin fudhachiisuuf Wayyaaneen qophaaye kana osoo hin fudhatiin mormii fi gaaffiilee mirgaa jajjabduu ta’een osoo wal falmamuu bu’aa fi faayidaa tokko malee Wayyaaneen walgahicha xumurtee jirti. Barattooti Oromoo walgahii humnaan fudhachiifaman kaan tole jedhanii osoo hin fudhatiin Yuuniversitiilee garii keessatti FDG kaasuun kaan keessatti ammo mooraa ala bahuu dhorkamanii humnana waraanaaan eegamaa turanii jiru. Haalli kun itti hammaatee kan ture sirni Wayyaanee barattoota Oromoo osoo hin amansiifatiin gaaffiin hundee siyaasaa itti ka’uun bakka san irraa deemaa jiru.
Goototni barattootni Oromoo Yuuniverstiiwwaan kanneen akka Amboo, Wallaggaa, Shambuu, Jimmaa, Gimbii, Mattuu, Adaamaa Harammaayyaa, Bulee Horaa, Maddaa Walaabuu fi dirree Dawwaa irratti walitti qabuun barattoota doorsisuu fi nyaataan illee akka hagabsaa ture ni beekama.
Xumura barnoota Wayyaaneen kennitu kana irratti barattoota waliin walii galuu waan dadhabaniif barattooti mooraa ala baanaan FDG mootummaa irratti ni ka’a sababaa jedhuun magaalaan Amboo ,Naqemtee fi Jimmaa waraana Agaaziin marfamtee jirti.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattoota Dirqiin Amanisuu Imaamata Godhatee Walgahii Mootummaan Wayyaanee Qopheesse Bu’aa Tokko Malee Mormiin Xumurame. |