Barattooti Oromoo 20 Mootummaan Wayyaanee Gaaga’ama Konkolaataa Irraan Gaheen Hosptala Waliisoo Seenan

Gabaasa Qeerroo Dillaa Hagayya 21,014

QeerrooMootummaan Wayyaanee hagayyaa 19,2014 maqaa walga’ii  jedhuun FDG gaffii mirga abbaa biyyummaa barattootni Oromoo gaafachaa jiran dura dhaabbachuuf  barattoota Oromoo humna waraanaan dirqee Godina Kibba Lixa Shawaa magaalaa Diilallaa irraa konkolaataa tokkotti barattoota 80 ol utuu walitti ukkamsee fe’ee deemuu karatti konkolaataa gargalchee ilmaan Oromoo 20 olitti lakka’aman akka malee madaa’uun hospitalaa Walisootti du’aa fi jireenya gidduutti argaman keessa ammaf maqaan kan nu qaqqabee jiru kanneen armaan gadiiti.

1.Barataa Sii’ol Bahaaruu

2.Barataa Geetaahuun Galaanaa

3.Barataa Geetuu Nagaa

4.Barataa Xilaahun Kifataw

5.Barattuu Madaanit Daandanaa

6.Barataa Daanyee

7.Barataa Asaamminawu Ibsaa

8.Barataa Alamaayyahu Magarsaa

9.Barattuu Bilisummaa Abarraa

10.Barataa Guddataa

11.Barataa Innihoo Nagaash

12.Barattuu Gannat Dajanee kanneen keessatti argaman barattootni Oromoo 20 olta’an haalan madeeffamuun haala ulfaata fi lubbuuf sodaachisu keessatti argamu. Yakki ulfaataan duguginsa sanyii bifa garaagaraan wayyaaneen gaggeessa jirtu kana kallattii hundaan wayyaaneen dabbaloota qabdutti dhimma ba’uun uummata jalaa dhoksuuf tattaffii guddaan wayyaaneen godhamaa jiru sabboontota ilmaan Oromoon fashalaa’aa jira

Haaluma walfakkatuun yakka sanyii ilmaan Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa irratti rawwachaa jira. konkolaataan wayyaanee barattoota Oromoo Godina Kaaba Shawaa irraa fuudhee gara Adaamaa kan imalu Caancoo bakka jedhamutti galagalee barattootni walakkaa ol madaanii jiru, Akkasumas aanaa Gindabarat irra fuudhee gara Amboo utuu deemuu konkolaataan lama wal faana galagalee baratttooni guutummaatti madaanii jiru.Bakkeewwan biroos akkasuma akka dhagayamaa jirutti garuu barattooni lubbuun darban hin jiran qaamaan hiratanii madaanii hospitaala garagaraa galanii kan jiran irraa kan hafe.

Walgayii barattootaa kana irratti kan argaman koreewwan giddu galeessa hojii raawwachiiftuu OPDO namoota 5 fi isaa oliin gurmaaanii yuuniversitiiwwan kana irratti kan argamaniidha,ijoollota isaan fayadan of jala tooressanii sodaadhaan walgayii kana irratti wal gurmeessanii argamaniiti kan jiran,kaayyoomti isaanii inni duraayyuu haala hin beekanmeen barattoota kana miidhuu ture balaama konkolaataan kun dursee waan qindeeffameedha jedhu akka gabaasni isaa caasaa mootummaa irraa addeessutti. Kunis kan irratti hubatamee jiru qaama isaanii kan taan konkolaata biraadhaan gaggeessani keessaa fooani,kun waanti barattoota kana irratti qophaayee jiraachuu isaa raggaasisa,ammas haalli jiru bakka walgayiitti yaaddessaa akka tahee fi Wayyaannonnis barattoota irra sodaa qabantu mulataa akka jiru gabaasni nu gahaa jiru addeessa,dhimmoota kana ammas gabaasni guutuun gadi fageenyaan kan dhiyaatu taa jedhamaa jira walitti deebina.

1 thought on “Barattooti Oromoo 20 Mootummaan Wayyaanee Gaaga’ama Konkolaataa Irraan Gaheen Hosptala Waliisoo Seenan

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Barattooti Oromoo 20 Mootummaan Wayyaanee Gaaga’ama Konkolaataa Irraan Gaheen Hosptala Waliisoo Seenan |

Leave a comment