Mootummaan Wayyaanee sochii uummataa irraa dhiphina keessa seenuun tajajiloota Network balleessuu toftaa godhate.

Gabaasaa Qeerroo Adoolessa 25,2014: Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n Yaaddoo fi dhiphina ulfaataa keessa seenuun tajajiloota akka network fi ibsaa tajaajila uummata balleessuu akka toftaatti erga fayyadamuu egalee olee bubbuleera.

Mootummaan Wayyaanee Adooleessa 24/2014 hanga har’a Adoolessaa 25/2014 guyyaa keessa sa’aa 8:30tti Guutummaa Oromiyaa irraa tajajila network bilbila hunda balleessuun yaaddoo fi dhiphina keessa jiraachuu ibsattee jirti.

Yeroo ammaa kanas kutaalee Oromiyaa gara dhihaa keessatti ummaanni bilbilaan wal arguu fi ergaa barbaade waliif dabarsuun rakkisaa ta’ee jira. Toofta kanatti fayyadamuun FDG sochii dargaggoota Oromootiin biyya keessatti qabsiifamee bifa garaagaraan itti fufaa jiruu fi sochii hordoftootni Amantaa muslimaa mirgii amantaa keenya sarbame nuuf haa eegamu jechuun itti fufinsaan gaggeessa jiran dura dhaabbachuu fi uummatni yaadaan akka wal hin arginee fi dhaamsa waliif hin dabarsineef ta’e jettee Wayyaaneen network balleessuu toftaa godhattee itti fayyadamaa jirti.

Haalli Wayyaaneen ta’ee jettee network bifa walfakkaatuun guutummaa biyyattii irra balleessa jirtuu kun uummaata hunda biratti haalan han hubatamee fi mootummaan biyyatti maqaa qofaaf karaa foddaa ETV fi media lee biyyatti qofaan jira malee mootuummaan biyyatti kufee jiraachuu uummataaf ifa ta’aa jira.

 

Leave a comment