EENAA Y.G(2005)
Nama Oromiyaa keessatti guddatee amma Biyya alaa jiru tokko qeeqa naa dhiheesseen, barruu har’aa eegala. Kanaan duras waan kana kaaseen jira. Namni kun Bilisummaa keenya ni deeggara. Garuu Daandii bilisummaa keessan isinumatu ofitti dheeresse jedhee kulkulfatee dubbata. Baayyina keessan kana humnatti jijjiiruu qabduu nama jedhuudha. kana gochuu hanqachuu keessaniin “gartuu bicuu sanaaf ”carraa waggaa 23 kennitaniif jedha. Namni kun dhimma Oromoo fi Oromummaan maal akka taate, Nama ofitti amanee ibsuu danda’uudha. Akka tasaa wayita na arguu Namuma waliin beeknu garuu ammatti nu bira hin jirre na gaafata. waa’ee amala isaa fi gaarummaa isaa naa himee, “Kolfuu, Taphachuudha”amalli isaa. Waan “Aaruu fi Haloo” namatti qabachuu waa tokko hin beeku, jedhe. Anis afaanumaa fuudheen eeyyee dhugaadha jedhee itti fufuuf jennaan, harkumaan akkan callisu natti himaa haasaa itti fufe. Anis hayyee jedhee dhaggeefachuu itti fufe. XIIQII FI HADHEEFFACHUU BARACHUUN DIRQMA KEENYADHA !!.docx