Waxabajjii 24,2014 Gabaasa Qeerroo Anfilloo
FDG Dargaggootaa fi jiraattota Oromoo Wallagga, Qeellem Anfilloo keessatti qabate daran jabaachuu irraan humni waraana Wayyaanee FDG qabate tohachuu fi dhaamsuu dadhabuu irraan mootummaan Wayyaanee maanguddummaa uumatatti ergachuuf jecha garee JAARSUMMAA jedhuun Finfinnee irraa kallattiin gara Qeellamma Anfillootti ergate diddaa uumataan fashale.
Maqaa jaarsummaa jedhuun aangawoonni Wayyaanee gara ganda Ashiitti kaleessa ergate ture kun uumataan fudhatama dhabee uumanni “isin ergaa keessan dabarfachuuf dhuftan malee gaaffii mirga saba Oromoo kabajuuf miti” jechuun ergama diinaa kana fashaleessanii jiru.
Haala kanaan akka jaarsummaatti kanneen naannoo sanatti bobba’an uumata Oromootti dhadachuu fi humna waraana qabaniin akka doorsisaa turanis gabaasi qeerroo addeessa.
Gama biraan waraana Wayyaanee naannoo Anfilloo qubbatee uumata doorsisuu fi hiraarsaa jiru jidduu isaatti wal qoodmaan guddaa dhufee kanneen Oromoota ta’an roorifamuu uumata Oromoo callifnee ilaaluu hin dandeenyu qawwee Wayyaaneen uumata keenya hin doorsifnu sababa jedhuun humni naannoo san jiru uumata hiraarsuuf kan deeme amma gara walii isaatti galagalee wal gaarreffataa akka jiru dha jechuun addeessu.