Guyyaa Booruu,Waxabajjii 25,2014f Mootummaan Wayyaanee Ummanni Oromoo magaalaa Naqamtee Dirqamaan Akka Walgahii Ariifachiisaa Bahaniif Jedha Waamicha Taasisa Jira.
Gabaasaan Qeerroo Magaalaa Naqamtee Irraa Waxabajjii 24,2014 akka beeksisetti Mootummaan Wayyaanee giyyaa boruu Waxabajjii 25,2014tti walgayii ariifachiisaa uummata ergamtoota isaatiin mana jireenyaa irraa deemuudhaan uummata walgayii waamsisaa akka jiru qeerroon addeessa. Kanaan duras magaala Naqamtee qofa osoo hin ta’iin aanaalee godina Wallagga bahaa keessatti argaman keessa naannawuun dirqiin uumata walgahii waamisisaa akka turan beekamaa dha. Walgahiileen dirqiin uumata baasan bakkoota hedduutti osoo hin ta’iin hafee uumati tokkummaan diddaa isaa argisiisaa ture.
Magaalaa naqamtee keessatti guyyaa booruu Waxabajjii 25,2014 waamichi walgayii taasifame kun dirqamaan uummata irra deemanii bahuu qabdu jedhanii waamaa akka jiran yoo tahu kaayyoon walgayii kanaas akka gabaasni isbutti mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa gaafatameen lubbuu hedduun dhabamee, ilmaan Oromoo mana hidhaatti dararamaa jiran kun maqaa shororkeessummaa itti moggasuun yaada uummataa tasgabbeesuu fi araarfachuu akka tahetu dubbatama,kana qofas osoo hin taanee uummata irraa yaada fuudhanii namoota ilaalcha siyaasa keessatiin qabuuf mana hidhaatti sassaabuu akka tahe akkasuma uummata gaaffii mirgaa gaafatu toohachuuf jecha walgayiin kun waamamaa jira jedha gabaasni Qeerroo magaalaa Naqamtee .
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo Jiraattota Magaalaa Naqamtee Akka Dirqamanii Bahaniif “Walgayii Ariifachiisaa” Jechuun Waamicha Taasisaa Jira |
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Mootummaan Wayyaanee Uummata Oromoo Jiraattota Magaalaa Naqamtee Akka Dirqamanii Bahaniif "Walgayii Ariifachiisaa" Jechuun Waamicha Taasisaa Jira |