Dhaamsaa fi dhaadannoo dhalootaa
Jiituu Lammii Waxabajji 22, 2014
Oromoo fi Oromiyaa ilaalchisee taateewwan dhageettii Addunyaa hawatan hedduun tibbana dhagahamaniiru. Haalli kun Oromoon humna guddaa egeree Gaanfa Afrikaa harkaa qabu tauu addunyaa waan yaadachiise fakkaata. Gama biraatiin inaaftuu gaaddidduu saba kanaa eegdee rifattu hunda yaaddesseera. Hundumaa caalaattimmoo furtuun rakkoo Oromoo harka Oromoo qofa jiraachuu fuulleetti akeekeera. Tolus badus dhimmi Oromoo harka gamtaa ummata Oromoo keessa jira. Oromoon gamtaa waliigalaatiin sochoonaan gabrummaa bara dheeraa yeroo gabaabduu keessatti ofirraa kuffisuu akka dandau taateen tibbanaa barannoo guddaa kaaeera. Gatii dhiigaa fi lubbuu keenyaan haqa dhabne deeffanna. Kun murtii dhalootaa ti. Miluu murtii dhalootaa waliin turtii goona.