Ibsa ABO , Ajjeechaa Ilmaan Oromoo Irratti Dhoksaan Hammarreessa Keessatti Barootaan Raawwatamaa Ture Ifa Bahe

Ajjeechaa Ilmaan Oromoo Irratti Dhoksaan Hammarreessa Keessatti Barootaan Raawwatamaa Ture Ifa Bahe

Gadaa.com

Ajjeechaan jumulaa, hidhaa, hiraar, saaminsaa fi cunqursaan bittoota Itophiyaan ummatoota Itophiyaa irra gahu kan barootaan lakkaaame, wayyaauu hin dandeenye dhaalamaa as gahe dha. Hammeenyi raawwatamu kunis ijaarsa empaayera Itophiyaan asitti kan mudate qofa miti. Ijaaramuu Itophiyaa haraan durattis Kaaba biyyattiitti kan bittootan raawwatamaa ture dha. Maaliif? gaaffii jedhuuf deebiin gabaabaan mootummootni aangootti kan dhufan seeraani fi hayyama ummataan ala tahuu irraa ti. Waan taheef bituuf, ummatni jilbeenfatee isaan jalatti akka bulu taasisuuf gara-jabinaan fixu. Jiilchanii, qor-qalbii cabsuun bittaa isaaniitti iggitii godhachuu barbaaddu. Aangoon hayyama ummataan alatti ykn seerawaa hin taane ammoo ummata biratti fudhatama hin argatu. Kanaaf hariiroon ummataa fi humna aangoo siyaasaa humnaan dhuunfate gidduutti uumamu kan ajajaa fi ajajamaan alatti kan biraa tahuu hin dandau.

Abbootiin irree yoomiyyuu aangoo dhuunfatan turfatuun olitti dhimmi ittiin hojooman kan biraa hin jiru. Aangoo humnaan dhuunfatan turfatuuf ajjeechaa gara-jabinaa fi jumulaa, hidhaa, saaminsa, doorsisaa fi tooftaalee humnaa birootti fayyadamu. Empaayera Itophiyaa keessatti kan mulataa turee fi jiru kanuma. Empaayera Itophiyaa humnaa fi gargaarsa warra dhihaan uumanii humnaa fi gargaarsa warra dhihaan jiraachisan. Mootummootni hanga ammaatti mulatanis kan ummatootaaf gara-laafina hin qabne, sirna cunqursaa tarkaanfachiisan tahuu irraa empaayera humnaan tolfatanii humnaan jireessan hiyyummaa fi boodatti- hafummaa hanga haraatti keessaa bahuu hin dandeenye keessatti akka korkodamtee haftu taasisan.

Ibsa ABO 13-06-2014.pdf

1 thought on “Ibsa ABO , Ajjeechaa Ilmaan Oromoo Irratti Dhoksaan Hammarreessa Keessatti Barootaan Raawwatamaa Ture Ifa Bahe

  1. Mootummaan Wayyaanee akkuma humnaan aangotti dhufe kuno har’as humnaan afaan qawweetin nu bulchaa jirti. Gabrummaa hiriyaa hin qabneen wayyaanen nu bitaa, yoo hin bitamnuuf jennee fincille immoo rasaasan Nu fixaa kunoo har’a geesseerti. Nuti ilmaan Oromoo Dhaaba Oromoon Oromoof dhaabbate ABO bariyyumaanuu osoo ifirra abdiin eegnuu har’a geenyerra kuno. ABO koo maaloo Addunyaatti Nuuf iyyi meeshaa malee waan biroo isaanirraa hin feenu…ABO dafii Nu dhaqqabi…!

Leave a comment