Waxabajjii 13,2014 Gabaasa Qeerroo Mattuu
Waxabajjii 7,2014 Irraa egaluun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu hacuuccaa roorroo mootummaan gabroomfataa Wayyaanee uummata Oromoo irratti gaggeessa jiru FDG kaachisuun balaaleffachaa turan jabeessuun itti fufan. Yeroo kanatti Wayyaaneen TPLF barattootni Yuunivarsiitii Mattuu FDG narratti gaggeessan sababa jedhuun nyaata barattoota irra kutuun balaa beelaaf akka barattootni saaxilaman godhee jira. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu gochaa Faashistummaa kanatti aaruun, Waajjira dabballee Wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Mattuu keessatti argamu kan basaasa wayyaanee Gabremadiin jedhamuu barattootni dhagaadhaan caccabsuun tajaajilaan ala taasisan. Haala kanaan guutummaa torbee kana sochiin barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu FDG itti fufsiisuun falmaa bilisummaa gaggeessuu irratti argamu.
MootummaanWayyaanee sochii barattoota Oromoo kanarratti yaaddoo keessa seenuunhumna Waraanaa fi basaasaa dabalataan Mooraa Yuunibarsiitii mattuu galchaa jira.
Dabballootni Wayyaanee Yeroo ammaa kanatti Mooraa Yuunivarsiitii Mattuu keessatti maqaa hojii bulchiinsa yuunivarsiitii fi barsiisummaaf ramadamuun hojii basaasa barattoota fi barsiisota ilmaan Oromoo shororkeessa jiran kanneen armaan gadiiti.
1. Gabremadiin, dhallotaan Tigiree, itti gaafatamaa dhimma siyaasaa OPDO fi TPLF akkasumas itti gaafatamaa mummee barnoota Soshooloojii, maqaaf kan ofiin jedhuu hojiin idlee isaa barattoota Oromoo fi barsiisota Oromoo adamsuun basaasuu,
2.Takkaleenyi Minaaluu Tirfee Wajjira Bulchiinsa yuunibarsiitii Mattuu keessa maqaaf kan hojjetuu fi hojiin Idlee isaa ilmaan Oromoo basasuun gochaa diinummaa bahaa kan jirudha kan hojjetu,basaasan diinaa kun nama yeroo dheeraa ilmaan Oromoo basaasa turedha.
3. Biruuk namni jedhamuu Mooraa yuunibarsiitii Mattuu keessatti hojiin basaasummaa fi hojii siyaasaa mootummaa abbaa irree gaggeessuu fi barattoota Oromoo basaasuun kan beekanmtu ta’uun bira ga’amee jira.
Kana malees ammaan dura Caamsaa 24/2014 FDG Marsaan 2ffaa Gootota Dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuutiin itti fufe. Motuummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sabaaba Barattootni Yuunivarsiitii maqaa gaaffii mirgaa jedhuun FDG narratti labsuun na jeeqaa jiru jechuun gootota barattoo Yuunibarsitii Mattuu irraa ‘Nyaataa dhaabuu’ beelaan barattoota adabaa jira, barattootni Yuunibarsiitii Mattuu guutummaa torbee kanaa nyaata dhabuun beelaan haleelama jiru, guyyaatti dabboo tokkon kan oolaan yoo ta’uu guyyaa kaleessaa irraa egaalee hangaa har’atti homaa kan hin nyaannee fi ulee beelaatiin reebamaa jiru. Haalii kun daran yaaddeessa fi lubbuuf ilee sodachisaa waan dhufeef guyyaa har’aa waaree booda sa:aa 10:30 local time irra egaluun FDG halaan finiinsan. Goototni barattootaa kunneen arii, beelaa fi haccuuccaa daangaa darbaa wayyaanee balaaleeffachuun kaffee irraa nyaata nyaatan illee caccabsuun Fincilaa jabaa gaggeessaajiru. Mootummaan yakkamaan kun seeraatti dhiyaachuu qaba, gaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba malee balaa beelaaf saxilamuu hin qabnu, barattootni hidhaman haa hiikaman, warra ajjeefameef gumaan kanfalamuu qaba, jechuun warraaqsa jabaa gaggeessa jiru.
Haaluma kanaan Waxabajji 4/2014 Godina Iluu Abbaa Booraatti FDG gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi Dargaggootaa fi Uummata Oromoo Godinichaa fi Magaalaa Mattuun gaggeeffame turuun ni beekama.