Wallagga,Aanaa WAnfilloo Keessatti FDG Itti Fufe, Barataan Taakkalaa Tasfa Jedhamu Waraana Wayyaaneen Reebamee Ummanni Oromo 40 Ta’an Ammoo Hidhaman.

DiddaaGabaasa Qeerroo Waxabajjii 10 Qellem,Dambi Dolloo irraaDiddaan uummata oromoo leelliftoota nafxanyaa of irraa baasuu baatii tokko ol Aanaa Anfilloo keessatti itti fufeetu jira,yeroo ammaa kana keessattuu Waxabajjii 8,2014 irraa kaasee humna qubataa waraana Wayyaanee ergamtoota sirnichaa of keessaa baasuu irratti jabaachuudhaan FDG haalaan jabaatee jira jedha gabaasi Qeerroo.
Haala kanaan har’a Waxabajjii 10,2014 gabaasni addeessu barataa sabboonaa Oromoo Taakkalaa Tasfaa jedhamu dhalootaan aanaa Anfilloo ganda Eeneche jedhamu keessatti kan dhalate yoo tahu humna waraana Wayyaanee Agaazii jedhamuun reebamuudhaan yeroo ammaa du’aa fi jireenya giduu ta’ee Hospitaala magaala Dambi Doolloo keessa jiraachuun beekamee jira. Akkasuma guyyaa har’aa ganda Ashii jedhamtu irraa sabboontotni Oromoo namni 40 ol mana hidhaatti konkolaataadhaan fe’amanii mana hidhaatti guuramanii jiru.
Kana malees gandoota Anfilloo keessa ganda Ashii jedhamtu keessatti diddaa guddaatu gaggeeffamaa jira uummataa fi human waraana Wayyaanee gidduutti,uummanni kan mana hidhaatti guuramaa jiru maqaa ABOtin durfamuutiin yoo tahu guyyaa har’aa guutummaa humni waraana Wayyaanee aanaa kana irratti bakka biraati fe’amaa jiraachuu gabaasni Qeerroo Dambi Dolloo irraa addeessa.

4 thoughts on “Wallagga,Aanaa WAnfilloo Keessatti FDG Itti Fufe, Barataan Taakkalaa Tasfa Jedhamu Waraana Wayyaaneen Reebamee Ummanni Oromo 40 Ta’an Ammoo Hidhaman.

  1. Uummannoo maqaa WBOtin dhumaati ABOn garuu soba Odessa. Warri jaarsa qabsoof hintaane diasporan immo oduutu na bilisoomsa se’a. Yeroo itti maqaa WBO hiraanfachu ga’a jira. Oduun ummata hinjonjesiinaa. Gara budeenii male sammuufi gara dhiiraa oromoon hindhabe moo? Yoo habasha booda dhaabate loli jedhe male loluu hindanda’u????

  2. Yaada obbo jojo hanga ta’e haqa; oromoon lafa dhibbatti hiramee qabsoo isa ofiin dadhabsiisaa jira. Kana haaluu dhiifnee oromoota odeesan osoo hintaane kan qabsoof uf laatan jajjabeessuutu nurra jira. Yaadni boodatti hafaan hinjiru wal dhagayaa.

  3. Joo uuma akkas afuuftu WBO warra akkakee kokeekra akka ejjechuu gahe beektaa laata dargiinu akkas utuu bookisuu lafatti dabalameTPLF akka laaftoo dulloomeeti
    IUO
    G3

Leave a comment